OPDO Program

SEENSA                                        

Dhaabbanni keenya Dhaabbanni Demokraatawaa Ummata Oromoo, dhaabbata kaayyoowwan Demokraasii warraaqsaa qabatee fi galma gahiinsa kaayyoowwan kanaatiif qabsaa’uudha. Dh.D.U.O.n bu’uuraan dhaabbata Ummata Oromoo ta’ee ummatoota biroos sagantaa Demokraasii warraaqsaa jalatti walitti qabuudhaan naannoo keenyaa fi sadarkaa guutuu biyyaatti sirni Demokraasii fi misoomni dinagdee itti fufiinsa qabuu fi ummanni bal’aan keenya irraa fayyadamu akka mirkanaa’u gochuuf dhaaba qabsaa’uu dha. Kaayyoowwan Demokraasii warraaqsaa Dh.D.U.O. dhaabbateef hojii irra oolchuudhaan, ummanni keenya hiyyummaa fi boodatti hafummaa keessaa ba’ee fayyadamaa mirgoota Demokraasii fi sirna haqaa akka ta’u ni amanama.

Dh.D.U.O.n miseensa adda Demokraasummaa Warraaqaa Ummatoota Itoophiyaa (A.D.W.U.I.)ti. Qabsoo bittaa faashistummaa Dargii dhabamsiisuuf adeemsifame keessattis ta’e kufaatii Dargii booda adeemsa qabsoo ture keessatti ga’ee gama isaa bahachuudhaan injifannoowwan biyya keenya keessatti galmeeffamaniif qooda irraa eegamu gumaacheera. Ummanni Oromoo Cunqursaa fi bittaa Nafxanyaa Suukanneessaa keessaa ba’ee mirga ofiin of-bulchuu goonfachuun, afaan isaatiin fayyadamuu fi walumaagalatti eenyummaa sabummaa isaatiin boonuu jalqabuun isaa, qabatamaatti bu’aa qabsoo ummataa Dh.D.U.O.tiin hogganame ta’uu isaatiif ragaan ummatuma  Oromooti, Akkasumas, ummanni Oromoo Obboleewwansaa kan ta’an saba, sablamootaa fi ummatoota biroo wajiin, tokkummaa demokraatawaa walqixxummaa irratti hundaa’een akka walitti hidhamuu fi faayidaawwan sabummaa isaa akka kabachiisu gochuuf sochiiwwan bal’aa adeemsiseera.

Bu’aawwan sochii haaromsaatiin argaman irratti hundaa’uudhaan, akkaataa dhaabbanni keenya hojii isaa itti adeemsisu irratti, walitti dhuufeenya jaallummaa hoggansaa fi miseensa keenya gidduu jiruu fi adeemsa demokraatawaa dhaabbaticha keessa jiru irratti rakkoolee ciccimoo uumamanii turan akkaataa hundeedhaa dhabamsiisuu dandeesisuun Dambii Ittiin Bulmaataa fooyya’aa ta’e qopheessuun barbaachisaa ta’ee argameera. Dambii Ittiin Bulmaataa kunis tokkummaa yaada nuti qabnu bifa seerummaa fi dhaabbatummaa qabsiisuudhaan qajeelfamoota demokraatawaa hordofuudhaan akka tokkummaa cimaa gochaatiin calaqqisan gochuudhaaf ga’ee qabaata. Kana waan ta’eef, Dambiin Ittiin Bulmaataa kun gama tokkoon ifaa fi bilisummaa yaadaatiif haalawwan demokraatawaa mijeessuudhaan, gama biraatiin immoo hojiirra oolmaa fedhiiwwan warra sagalee caalmaa qabaniitiif akka tolu dirqamoota gamtaa addaan baasee seeressuudhaan (tumuudhaan) dhaabbanni keenya ergama ummatummaa isaa ga’umsaan akka raawwatu taasisa.

Walumaagalatti, Dambiin Ittiin Bulmaataa kun, galma gahiinsa kaayyoo keenyaatiif akka qabsoofnuu fi kaayyoo qabsoofnuuf kana irratti tokkummaa ilaalchaa fi gocha qabaannee akka bobbaanu kan nu dandeessisu meeshaa qabsoo keenyaa isa murteessaa dha. Dambiin Ittiin Bulmaataa kun adeemsi Demokraasii dhaabbata keenya keessatti akka dhugoomu, iftoomaa fi itti gaafatamummaan akka cimu, hirmaannaan miseensa hundaa akka dagaagu, mirgaa fi dirqamni miseensaa ifatti adaan ba’ee kaa’amee akka hojii irra oolu, akkasumas hooggansa ol’aanaa fi qaama gar-jallaa fi miseensota didduutti walitti dhufeenyi demokraatawaa ta’e akka jiraatu gochuudhaaf Dambiin kunis haalawwan qabatamoo kana ka’umsa godhachuudhaan qophaayeera.

 

BOQONNAA TOKKO

TUMAATA WALIIGALAA

Keewwata 1

Mata-duree Gabaabaa

Dambiin Ittiin Bulmaata kun “Dambii Ittiin Bulmaataa Dhaabbata Demokraatawwaa Ummata Oromoo yaa’ii afraffaa Dhaabbatummaarratti Fooyya’ee Ragga’e: jedhamee waamamuu ni danda’a.  

Keewwata 2

Ittiin Waamama Dhaabbatichaa

Maqaan Dhaabbatichaa “Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo” yookin gabaabinaan “ Dh.D.U.O.” jedhamee waamama.


 

Keewwata 3

Alaabaa Dhaabbatichaa

Alaabaan Dh.D.U.O. irraa gadeen isaa gabaabaa ta’ee, dalgatti dheeraa fi walumaagalatti roga afur kan qabu dha. Dheerinni irraa-gadee isaa walakkaa dalga isaa ti. Qarqara gara bitaatii eegalee hanga walakkaasaatti iddoon roga sadiin sararame gara keessaatti qara isaa kan dhaabe ta’ee roga sana walakkaarratti urjii kan qabu ta’a. Keessi roga sadiin daangeffame kun halluu bifa magariisaa kan qabuu dha. Walakkaadhaa eegalee gara oliitti halluu bifa diimaadhaan kan uwwifame yemmuu ta’u, qaamni alaabichaa inni hafu halluu bifa keelloo kan qabu dha. Alaabichi Odaa halluu keelloorra dhaabbatee hanga walakkeessa alaabaichaatti ol dheeratus ni qaba.

Keewwata 4

Hiikaa Alaabichaa

Bifti diimaan alaabichaa wareegama ummanni Oromoo mirga Demokraasii fi walqixxummaaf kenne kan agarsiisu yemmuu ta’u, keelloon abdii gaarii gara fuula duraa agarsiisa. Bifti magariisaa lalisummaa fi misooma kan agarsiisu yoo ta’u Odaan aadaa fi seenaa Ummata Oromoo agarsiisa. Urjiin walgargaarsa qabsoo ummattoota cunqurfamoo biroo waliin jiru kan agarsiisuu dha.

Keewwata 5

Asxaa Dhaabbatichaa

Bu’uurri isaa keelloo ta’ee, kaa’aa geengoo keessatti gamaa gamanaan fakkii qamadii fi ilkaan maashinii garjallaadhaan walitti hidhaman qaba. Qamadii fi ilkaan maashinii gidduu Odaatu jiraa. Gararraa Odaarra aduddee (andarii) barartutu jira.

Keewwata 6

Hiikaa Asxichaa

Qamadiin tarsiimoo misooma qonnaarratti hundeeffame agarsiisa Ilkaan maashinichaa fedhii guddina industirii kan agarsiisu ta’ee, walitti hidhamuun ilkaan maashinichaa fi qamadii wal-deeggarsa qonnaa fi industrii agarsiisa. Odaan aadaa fi seenaa ummata Oromoo agarsiisa. Aduddee (andarii) adiin nageenyaaf fedhii qabnu agarsiisa. Bu’uurri keelloon asxichaa abdii ifaa gara fuuladuraa agarsiisa.

2Keewwata 7

Sagalee Dhaabbatichaa

Sagaleen dhabbatichaa gaazexaa “OROMIYAA” ti.

Keewwata 8

Waajjira Muummee Dhaabbatichaa

Waajjirri muummeen dhaabbatichaa Finfinnee keessa ta’a. Dhaabbatichi Godinootaa fi Aanaalee Naannoo Oromiyaa keessatti akkasumas akka barbaachisummaa isaatti Oromiyaadhaa alattis waajjiroota dameewwan qabaachuu ni danda’a.

Keewwata 9

Afaan Hojii Dhaabbatichaa

Afaan hojii dhaabbatichaa Afaan Oromooti.

Keewwata 10

Ibsa Saalaa

Dambii Ittiin Bulmaataa kana keessatti dhimmootni saalaa dhiiraatiin ibsaman hundi saala dubartiitis ni dabalatu.

                         BOQONNAA  LAMA

FOO’ANNAA, MIRGAA FI DIRQAMA

MISEENSAA FI MISEENSA KAADHIMAMAA

Keewwata 11

Miseensummaa

Dhalataan saba Oromoo kamiyyuu, dhalataa sabaa fi sablammii biroo naannicha keessa jiraatu kamiyyuu dabalatee, hanga sagantaa Siyaasaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaa fudhatee hojiirra ooliinsa isaatiif nama qabsaa’u, akkasumas hirmaannaa hoo’aa kan godhuu fi,

11.1.    Umriinsaa waggaa 18 kan guutee fi isaa ol kan ta’e,

11.2.    Naamuusa hojii gaarii kan qabu,

11.3.    Miseensa ta’uuf fedhii kan qabu,

11.4.    Caasaa dhaabbatichaa keessaa tokko jalatti gurmaa’ee hirmaannaa qabatamaa kan godhuu fi kanaafis adda duree kan ta’e,

11.5.    Qajeelfama dhaabbatichaarratti hundaa’ee buusii miseensummaa   kan kafaluu fi

11.6.    Mirga miseensa dhaabbata siyaasaa ta’uu seeraan kan hin mulqamne hanga ta’etti, miseensa Dh.D.U.O. ta’uu ni danda’a.

Keewwata 12

Waa’ee Foo’annaa Miseensaa

12.1.Namni Sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa Dh.D.U.O.fudhate tokko qaama Dh.D.U.O. naannoosaatti argamuuf gaaffii miseensummaa dhiheeffachuu ni danda’a.

12.2. Qaamni caasaa Dh.D.U.O. iddoo hundatti argamu, nama sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaatiif amanamaa ta’ee fi hojiirra oolchuufis adda durummaan ni qabsaa’a jedhee itti amane tokko, fedhii qabaachuusaa mirkaneeffatee miseensummaa dhaabbatichaatiif foo’uu ni danda’a.

12.3.  Miseensi nama foo’ame sana dhiheessu orneela miseensi ittiin foo’atamu tarreeffamaan guuteeti dhiheessa. Wanti barreeffame sirrii ta’uusaatiifis yaadasaa wajjin maqaasaa guutuu fi mallattoosaa ni kaa’a.

12.4.    Nama foo’ame sana ilaalchisee orneelarratti kan guutame sirrii ta’uusaa fi miseensummaaf gahaa ta’uusaa miseensa isa beeku kan biraa tokkoon ni mirkaneeffama. Namni kunis sirrii ta’uusaatiif yaadasaa wajjin maqaa fi mallattoosaa ni kaa’a.Keewwata 13Waa’ee Miseensa Kaadhimamaa

Keewwata 13

Waa’ee Miseensa Kaadhimamaa

13.1.Yeroo miseensa kaadhimamaa kan jedhamu, yeroo miseensichi ilaalchaa fi ga’umsa miseensa guutuu ta’uu isa dandeessisu ol guddifatee siyaasaan cimuu fi miseensummaaf ga’aa ta’uunsaa itti mirkanaa’u yeroo madaallii ti.

13.2.  Namni miseensa Dh.D.U.O. ta’uuf foo’ame tokko, osoo miseensa   dhaabbatichaa guutuu hin taaneen dura yeroo ji’a jahaaf (6) miseensa kaadhimamummaa keessa dabruu qaba.

3.3.    Yeroon miseensa kaadhimamummaa gaafa namni sun sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaarratti mari’atee fudhatee fi miseensa kaadhimamaa ta’uunsaa itti ragga’ee kaasee jalqabama.

13.4.  Barbaachisaa ta’ee yoo argame yeroon kaadhimamummaa kun ji’a sadiif dheerachuu ni danda’a. Yeroon miseensa kaadhimamummaa akka dheeratu yemmuu murtaa’u sababiisaa wajjin miseensichaaf ni ibsama.

Keewwata 14

Waa’ee Miseensummaa Raggaasuu

14.1. Namni miseensummaaf foo’amee dhiyaate, gadi fageenyaan qoratamee bu’uura ulaagaa jiruutiin ga’umsi isaa erga mirkanaa’een booda miseensa kaadhimamaa akka ta’u, akkasumas yeroo kaadhimamummaasaa yemmuu xumuru miseensa guutuu akka ta’u ofitti fudhatee raggaasisuun hojii hundee dhaabaatiin raawwatamu ta’a.

14.2.Kaadhimamummaaniis ta’ee miseensummaan guutuun yemmuu ragga’u galmee dhuunfaa abbichaa irratti akka ibsamee kaa’amuu fi filatamtichis akka beeku ni taasifama.

Keewwata 15

Akkaataa Fo’annaan Miseensota

Itti raawwatamu

Tarreeffamni raawwannoo foo’annaa miseensotaa akkaataa qajeelfama Koreen Giddu-Galeessaa baasuutiin kan adeemsifamu ta’a.

Keewwata 16

Mirga Miseensotaa

16.1.Miseensi guutuun kamiiyyuu filannoowwan dhaabbaticha keessatti sadarkaa adda addaarratti hojiif adeemsifaman irratti mirga filuu fi filatamuu ni qabaata. Dhimmoota sagaleedhaan murtiin irratti kennamurrattis mirga sagalee kennuu ni qaba.

16.2.Miseensi kamiyyuu mirga walgahiiwwan dhaabbatichaarratti hirmaachuu fi dhimma kamiyyuurratti waltajjiiwwan seerummaa qabaniif barreeffamaanis ta’ee afaaniin yaadasaa karaa bilisa ta’een tarkaanfachiisuu ni danda’a.

16.3.Miseensi kamiyyuu, sagantaa fi tarsiimoo dhaabbatichaa ilaalchisee yaada addaa yookiin haaraa yoo qabaate yaadni isaa yookiin garaagrummaan inni qabu gaazexaa keessaa dhaabbatichaarratti miseensotaaf akka dhiyaatu gochuuf yookiin waltajjiiwwan irratti afaaniin dhiheessuuf mirga qaba.

16.4.Koreen Giddu-Galeessaa yookiin Editooriyaal Boordiin barreeffamichi raabsamuun barbaachisaa miti jedhee yoo dhoowwe sababii dhoowweef miseensichaaf barreeffamaan ni beeksisa. Miseensichi ittifamuu barreeffamichaatti yoo amanuu baatee miseenota dhaabbatichaa keessaa deeggarsa sagalee 1/3ffaa argannaan haala barreeffamichi miseensotaaf ga’uu itti danda’u uumuun ni danda’ama.

16.5.Miseensi dhaabbatichaa kamiyyuu waa’ee mataasaa, waa’ee qaama biraa, waa’ee hoggansaa, walumaagalattis waa’ee dhaabbatichaa ilaalchisee waan beekuu qabu hamma Koree Giddu-Galeessaatti gaafachuu fi deebii argachuuf mirga ni qaba.

16.6.Miseensi kamiyyuu, sadarkaan itti gaafatamaa osoo isaa hin daangessin hamma Koree Giddu-Galeessaatti ceephoo dhiheessuu fi deebii argachuuf mirga ni qaba.

16.7.Miseensi kamiyyuu, akkuma fedhii isaatiin dhaabbaticha keessa seenuuf mirga qabutti, yeroo hin barbaannes dhaabbaticha keessaa ba’uuf mirga qaba.

16.8. Miseensi kamiyyuu, sababii ga’aa fi murtii qaama ilaaluutiin alatti hin adabamu. Adabni irratti murtaa’u sirnummaa eeggatee qaama murteesseen miseensichaaf ni ibsama; galmee abbichaa keessatti qabsiifamee akka taa’u ni taasifama; miseensichis yaadasaa galmicharra ni kaa’a; murticharratti komii yoo qabaates ol iyyata dhiheeffachuu fi deebii argachuuf mirga qaba.

16.9. Miseensi kamiyyuu, akkaataa hojii fi qajeelfama dhaabbatichaa hordofee, garaagarummaa siyaasaa qabu miseensotaaf ibsuu fi ajandaa ta’ee sadarkaa dhaabbatichaatti falmiin akka irratti gaggeeffamu akka taasifamuuf gaafachuu fi yaa’iin ariifachiisaanis akka waamamu gaafachuuf mirga qaba.

16.10. Miseensi dhaabbatichaa kamiyyuu qorannoo fi murtii galmee dhuunfaa keessatti barreeffamee taa’u beekuu fi murtii galmeesaarratti barreeffameerratti yaadasaa barreeffamaan dhiheessuufi galmeesaa wajjin akka wal qabatu gochuuf mirga qaba.

16.11.Miseensi kamiyyuu, ramaddiin, jijjiirraa fi leenjiin miseensotaa Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaarratti hundeeffamee kan raawwatame ta’uusaa mirkaneeffachuuf mirga qaba. Waan kanaan alatti raawwatameetu jira jedhee yoo amane, komii yookiin himata isaa Komshiinii Too’annootiif ykn qaamota hoggansaa sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif dhiyeeffachuun murtii argachuuf mirga ni qabaata.

Keewwata 17

Dirqamoota Miseensaa

17.1. Yeroo fi bakka kamittuu sagantaa Siyaasaa, Dmbii Ittiin Bulmaaataa,Qajeelfamootaa fi Imaammatoota Dh.D.U.O.tiif dhaabbachuu fi hojiirra oolinsa isaaniitiif qabsaa’uuf dirqama qaba.

17.2.Sagantaa, tarsiimoo fi tooftaa, kallattiiwwan, imaammatootaa fi qajeelfamoonni Dh.D.U.O.n ummata bal’aa biratti sirriitti akka fudhataman gochuu fi miseensota horachuuf dirqama qaba.

17.3.Kabajamuu eenyummaa ummata Oromootiif qabsaa’uu, ilaalchota oftuulummaa, dhiphummaa fi maxxantummaa irratti kutannoodhaan qabsaa’uu, dagaaginaa fi sabboonummaa Demokraasummaa Oromootiif, kabajamuu mirgoota namoomaa fi Demokraasii akkasumas kabajamuu faayidaa fi aadaa ummata bal’aatiif qabsaa’uuf dirqama qaba.

17.4. Heera Mootummaa fi seeroota biraa naannoo  keessa jiranii fi biyyattiin ittiin bultu kabajuu fi akka kabajaman qabsaa’uuf, roorroo diinaatii fi weerara alagaa nageenyaa fi tokkummaa demokraasummaa Itoophiyaa fi ummata ishee miidhu kamiyyuu qolachuuf dirama qaba.

17.5. Injifannoowwan ummanni bal’aan Oromootii fi

 ummatoonni biyya keenyaa kanneen biraa qabsoosaaniitiin goonfatan balaa kamiyyuurraa tiksuuf dirqama qaba. Gocha obbolummaa fi waljaalala miseensota saba Oromootii fi ummatoota biroo jidduu jiraachuu qabu miidhu raawwachuu hin qabu. Akkasumas, yeroo fi bakka hundatti aantummaa ummatoota cunqurfamaaf qabu mirkaneessuu qaba.

17.6.Dokmentootaa fi iccitiilee dhaabbatichaa fi addichaa, akkasumas kan dhaabbattoota obboleewwan addicha jalatti hiriiranii, akkasumattis qabeenyaa fi dokmentoota itti gaafatama hojii mootummaarratti ramadameef akka itti fayyadamuuf kennameef sirriitti eeguuf dirqama qaba.

17.7.Sagantaa dhaabbatichi baasuu fi kaka’umsa mataasaatiin ga’umsa siyaasaasaa cimsachuuf, ogummaa, aadaa ummatummaa fi Demokraasummaa qabu olguddisuuf, ceephoo fi ceepha’ama sirrii ta’e adeemsisuuf, akkasumattiis haallan farra-ummatummaa kamiyyuurratti qabsaa’uuf dirqama qaba.

17.8.Miseensi kamiyyuu tokkummaa demokraatawaa, qulqullummaa fi cimina dhaabbatichaa eeguu qaba. Garee tokkummaa dhaabbatichaa miidhu ummuun duwwaa dha. Miseensi kamiyyuu ogocha diiggaa akkanaa saaxiluu fi irratti qabsaa’uuf dirqama qaba.

17.9.Miseensi kamiyyuu, dhaabbaticha lootee galtuu fi miidhaa diinaa irraa eeguuf dirqama qaba.

17.10.Miseensi qaama hoggansaa Dh.D.U.O.sadarkaa  kamiyyuurratti argamu kamiiyyuu, qabeenyasaa dhaabbatichatti beeksisuuf dirqama qaba.

17.11.Miseensi kamiyyuu, malaaammaltummaa fi   akkaataa hojii loogiirratti hundaa’e ittisuuf, irratti qabsaa’uuf, akkasumattiis saaxiluuf dirqama qaba.

17.12.Miseensi kamiyyuu,kallatti qabsoo demokraatawaa         hordofee,bifa jaallummaatiin nama ijaaruurratti hundeeffamee, qorannoo hojiirratti yemmuu ceephuu dhiheessu, karaa haaloo ba’uu fi akkaataa obsaan ala ta’e irraa fagaateen hirmaannaa hoo’aa gochuudhaan, akkasumattiis odeefannoo fi hir’inasaa qabatamaa fi sirrii ta’e kenuudhaan qabsaa’uuf dirqama qaba.

17.13.Miseensi kamiyyuu, buusii miseensummaa                 buusuuf dirqama qaba.

Keewwata 18

Mirgaa fi Dirqama Miseensa

Kaadhimamaa

18..1.Filannoowwan dhaabbaticha keessatti sadarkaa adda addaa fi hojiilee garaagaraatiif adeemsifamanirratti mirga filamuu fi filuu, akkasumas dhimmoota sagaleedhaan murtiin irratti kennamurratti mirga sagalee kennuu kan hin qabne yoo ta’u mirgoota biraa miseensa guutuuf kennaman hunda ni qabaata.

18.2.Yeroo miseensa kaadhimamaa itti ta’ee eegalee buusii miseensummaa kafaluurraa eegalee dirqamoota miseensotaa hunda raawwachuu qaba.

    


 

BOQONNAA SADII

QAJEELFAMOOTA WALIIGALAA  IJAARSAA FI HOJIMAATAA DHAABATA DEMOKRAATAWAA

 UMMATA OROMOO (DH.D.U.O.)

Keewwata 19

Bu’uura

Qajeelfamoonni ijaarsaa fi hojmaataa Dh.D.U.O. adeemsa demokraatawaa hordofuudhaan, walumaagalatti ol-aantummaa ilaalcha demokraasii warraaqaa sadarkaa sadarkaadhaan mirkaneessuu, keessumattuu immoo miseensota jidduutti tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuudhaan miseensota tokkoon tokkoon biratti kaka’umsi hojii fi kutannaan kaayyoorratti qaban akka dagaagu gochuurratti kan hundeeffamanii dha.

Kewwata 20

Qajeelfamoota Gurmaa’insaa

20.1.Qajeelfamni gurmaa’insaa Dh.D.U.O. waliin hojjechuu fi itti gaafatamummaa dhuunfaa mirkaneessuudhaan tokkummaa ilaalchaa fi gochaa miseensotaa dhugoomsuu kan dandeessisuu dha.

20.2. Qajeelfamni gurmaa’insaa Dh.D.U.O.hirmaannaa miseensotaa dammaqiinsa qabu mirkaneessuu kan dandeessisuu fi itti gaafatamummaa fi iftoomni akka dagaagan godha.

20.3.Qajeelfamni gurmaa’insaa Dh.D.U.O.hanqinoota garaa garaa maree demokraatawaadhaan, qorannaa fi ceephoo fi ceepha’amaan sirreessuu kan dandeessisu ta’a.

20.4. Dh.D.U.O.dhaabbata miseensa Adda Demokraasummaa Warraaqsaa Ummatoota Itoophiyaa (A.D.W.U.I.)ti.


 

Keewwata 21

Qajeelfamoota Walaitti Dhufeenyaa

21.1. Dh.D.U.O. sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa A.D.W.U.I. hanga fudhatetti dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’ee itti fufa.

21.2. Dh.D.U.O.n dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’ee hanga itti fufetti sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa A.D.W.U.I. ni kabaja; hojii irra oolmaa isaatiifis ciminaan qabsaa’a.

Sochii hojii A.D.W.I.tiif akka oolu galii argatu irraa buusii ni kafala. Haal raawwi isaa qajeelfama Faayinaansii Dh.D.U.O.keessatti ibsama.

21.3. Dh.D.U.O.n dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’ee hanga itti fufetti murteewwan qaamolee hoggansaa A.D.W.U.I. tiin murtaa’an fudhatee hojii irra ni oolcha; yaada garaagarummaa kan qabaatu yoo ta’e, waltajiiwwan seera qabeesaa fi Dimokraatawaa ta’an hordofee ni qabsaa’a,

21.4.   Dh.D.U.O.n dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’uusaa  kan addaan  kutuu danda’u murtee yaa’ii Dh.D.U.O. qofaan ta’a. Haalli akkasii yeroo uumamu akkaataa Dambii Ittiin Bulmaataa A.D.W.U.I tiin dhaabbatoonni miseensota A.D.W.U.I ta’an biiroo dhimmicha irratti akka yaada kennanuu fi yoo barbaadanis haala isaan itti qabsaa’uu danda’an mijeesuuf dirqama qaba.

21.5    Dh.D.U.O.n miseensa A.D.W.U.I. ta’uu isaatiin, qajeelfamoota daandiiwwan addichi ittiin hogganamu haala qabatamaa naannoo isaatiin wal simsiisee hojii irra ni oolcha.

21.6.   Dhaabbatichi addicha wajjinis ta’e dhaabbatoota addicha jala jiran

            wajjiniin walitti dhufeenya wal- qixxummaa irratti hundaa’ee fi bilisa ta’e, akkasumas walitti dhufeenya wal-gargaarsa adeemsa qabsoo demokraatawaa ta’e irratti hundaa’e ni qabaata.

21.7.    Dh.D.U.On miseensa A.D.W.U.I waan ta’eef,  murteewwan  yookin ejjennoowwan A.D.W.U.I. keessattis ta’ee dhaabbatoota miseensota A.D.W.U.I ta’an keessatti fudhataman keessaa kan inni hin  fudhanne yoo jiraate dhaabbata miseensa A.D.W.U.I ta’uu isaatiin karaa walqabateen dirqamoota kabajuun  isa irraa eegamu utuu hin faallessiin, ejjennoo addaa kan mattaa isaa qabachuu, miseensotasaa fi ummataaf  ibsuuf  bilisummaan inni qabu eegamaadha.

Keewwata 22

Qajeelfamoota Akkaataa Murtiin Itti

kennamuu fi Itti gaafatamummaa

22.1     Qaamonni dhaabbatichaa sadarkaa hundaarratti caaseeffaman kamuu murtii kan dabarsanu, ragaa qabatamaarratti hundaa’anii falmii bilisaa fi gahaa ta’e erga adeemsisaniin booda sagalee caalmaadhaan murteessuudhaan ta’a.

22.2     Yaanni murtiif dhiyaate tokko qajeelfama waliin ittiin hogganaman ta’ee tajaajiluu fi qaama murteessee fi qaamota isaa gadi jiranirratti raawwatamuu kan danda’u namoota walga’icharratti argaman keessaa sagalee %50+1 yookoon sanaa oliin deeggarsa yoo argateedha.

22.3     Walgahiin idilees ta’ee qaama kamiyyuu yeroosaa eegee adeemsifamuu qaba. Walgahii qaama kamiyyuurratti mariin adeemsifamuu kan danda’u, namoota walgahicharratti hirmaachuu qaban keessaa harka sadi keessaa lama (2/3)yoo argamaniidha.

22.4     Walgahiiwwan idilee fi hatattamaa kamiyyuurratti miseensonni argamuu qaban hundinuu argamuuf dirqama qabu. Walgahii jalqabuudhaafis ta’ee erga walgahiin jalqabameen booda lakkoofsi namaa walgahicha adeemsisuuf barbaachisu (kooramiin) akka hir’atu gochuun dhowwaa dha. Akka kooramiin hin guunneef jecha miseensi walgahii irraa hafe fedha isaatin dhaabbaticha keessaa akka of gaggeesseetti lakkaa’amee guutummaa kooramichaa shalaguufis miseensichi lakkoofsaan ala ta’a.

22.5     Akkaataa lakk.22.4 irratti ibsameen miseensi akka fedha isaatiin dhaabbaticha keessaa of gaggeesseetti lakkaa’ame sun akka kooramiin hin guunne akka hin godhin raga qabu dhiyeessee dhimmichi akka ol- iyyannoodhaan ilaalamuuf gochuu ni danda’a.

22.6     Ajandaawwanii fi barreeffamoonni mareedhaaf ka’umsa ta’u jedhamanii yaadaman hamma danda’ametti walga’icha dura hirmaattota walgahichaatiif kennamuu qabu. Qaboowwan yaa’ii  kan yaa’ii Dhaabbatummaatii fi Konfaransootaa barreeffamaan kan qabamanu ta’ee sagalee hirmaattotaatiin erga ragga’een booda mallattoo Dura Taa’aa fi Itti Aanaa Dura Taa’aan kan mirkanaa’u ta’a. Qaboowwan yaa’ii walgahiiwwan biraa barreeffamaan erga qabamaniin booda ragga’uun isaani kennaa   Sagalee fi mallattoo, miseensotaa waltajjichaatiin mirkanaa’uu qaba.

22.7    Murtii qaama tokkoon kenname diiguu kan danda’u isuma qaama murteesse san yookiin qaama ol aanaa dhimmichi ilaaluu dha.

22.8    Namoonni muraasni murtii caalmaa sagaleetiin dabre tokkotti hin amanne yaada sagalee  baayyeen dabre hojiirra oolchaa, mormii isaanii Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaa hordofanii qaama dhimmichi ilaaluuf dhiyeessuudhaan qabsaa’uu ni danda’u.

22.9    Yaadni murtii kamiyyuu miseensota walitti qabaman keessaa 1/3 kan ta’aniin irra deebi’amee akka ilaalamu yoo gaafatame gaaffiin irra deebi’amee haa ilaalamu jedhu mariif banaa ta’a.

22.10  Namoota walgahiicharratti hirmaatan keessaa %50+1 yookiin sanaa ol kan ta’an irra deebi’amee ilaalamuu qaba jedhanii yoo murteessaan dhimmichi irra deebi’amee ilaalamee murtaa’a.

22.11  Gaaffiin irra deebi’amee haa nuuf ilaalamu jedhu akka kanaa olitti eerametti dhiyaachuu kan danda’u, yeroo qaamni murteesse walga’iirra jiru ta’ee afaaniin yookiin barreeffamaan dhiheessuun kan danda’amu yoo ta’u, erga qaamni murteesse addaan bittinnaa’ee booda yoo ta’e immoo barreeffama qaama murticha dabarse keessaa harki 1/3ffaan irratti mallatteessee qofaan ta’a. Mallattoodhaaf jedhamee barreeffamni diriirfamu sun miseensota walgahicha irratti hirmaatan hundaa akka qaqqabu erga godhameen booda namni itti amane qofti akka mallatteessu godhamuu qaba.

22.12  Murtii waltajjii tokkorratti darberratti iyyanni dhiyaate, waltajjichuma sanarratti yoo fudhatama argachuu baate dhimmuma sanarratti himanni itti deddeebi’amee hin dhiyaatu. Ta’us, murticha hojiirra oolchaa walgahii adeemsaan taasifamurratti yookiin mallattoo barreeffamaa waliin qabudhaan iyyata dhiheeffachuun danda’ama.

22.13  Hojiiwwan adda addaa kan dhaabbatichaa gamtaan raawwataman koreewwan kaayyoo kanaaf sadarkaa sadarKaan hundeeffamaniin kan hogganaman ta’u.

22.14  .Koreewan hoggansa sadarkaa adda addaa irra jiran itti waamamni isaanii qaama isaan filateef yookiin qaama isaan ramadeef, akkasumas qaamota ol- Aanaadhaaf ta’a.

22.15  .Qaamoleen hoggansaa sadarkaa adda addaa irra jiran murteewwan waliiwajjin murteessan hundaaf akka qaamaatti walqixa itti gaafatamaa ta’u. Miseensonni murticha deeggaran itti gaafatamummaa akka qaamaatti qabanutti dabalee dhuunfaadhaanis itti gaafatamaa ta’u.

Keewwata 23

Qajeelfama Qorannaa fi Ceephoo fi

Ceepha’amaa

23.1Qorannaa, ceephoo fi ceepha’amni hojmaata dhaabbataa, dhaabbanni keenya muuxannoo cimaa fi dadhabinaa irraa barachaa ofcimsaa akka adeemu godhuudha. Qaamotaafi miseensonni dhaabbatichaa hundi yeroo karoora qopheessan raawwannaa karoora dabree sirriitti qorachuutu irraa eegama.

23.2Qorannaan, odeeffannoo gahaa fi hojiirratti hundeeffamee gabaasa ka’uumsaaf qophaa’e irratti hundaa’ee kan adeemsifamu ta’a.

23.3Qorannaan hojii malee nama jiddu-galeessa kan godhatu ta’uu hin qabu. Waltajjiiwwan qorannaa akkuma waltajjiiwwan dhaabbatichaa kamiyyuutti bilisaa fi demokraatawaa ta’uu qabu.

23.4Ceephoo fi ceepha’amni, hojimaata dhaabbataa dogoggoroota qaamota dhaabbatichaa keessatti mul’atan sirreesuuf jedhamee kan adeemsifamuu dha. Qaamoota fi miseensonni raawwannaa karoorasanii erga qoratanii booda ceephoo fi ceeph’amaan xumuruu qabu.

23.5 Qorannaa fi ceephoo, ceepha’ama yeroo ramadameef keessatti adeemsifamuun alatti, yeroo barbaachisaa ta’e kamittuu adeemsisuun ni danda’ama.

 

BOQONNAA AFUR

WAA’EE DIRQAMA BAHUU DHABUU FI

AKKAATAA RAAWWANNAA ADABAA

Keewwata 24

Waa’ee Dirqama Bahuu Dhabuu

Miseensi kamiyyuu, bu’uura Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabaatiin gaafa miseensa ta’ee eegalee, mirgaa fi dirqama qaba. Akkaatuma kanaaniis, miseensichi dirqama irraa eegamu yoo raawwachuu baate adaba maluu fi maluu fi madaalawaa ta’e adabamuu ni danda’a.

24.1.Akaakuuwwan Addabbii

Miseensi balleessaa raawwachuunsaa mirkanaa’e akkaakuwwan adabbii kanatti aanan keessa isa tokkoon adabamuu ni danda’a.

A. Of-eeggannaa afaanii,

B. Of-eeggannaa afaanii yookiin barreeffamaa,

C. Of-eeggannaa Barreeffamaa,

D. Miseensicha,mirgoota dhaabbattummaa argatee rraa ittisuu,

E. Miseensa kaadhimamaa yoo ta’e yeroo     kaadhimamummaa isaa dheeressuu,

F.  Miseensa kaadhimamummaasaa haquu,

G. .Miseensa guutuurraa gara miseensa    kaadhimamaa    tti gadi buusuu,

H. Ittigaafatamasaarraa gadi buusuu,

I.  ttigaafatamarraa kaasuu (maqsuu),

J.    Yeroo murtaa’eef miseensummaa irraa ittisuu,

K.   Miseensummaa dhaabbatichaarraa maqsuu,

24.2.  Miseensichi akkuma balleessaa inni rawwatetti, adaba gosa tokko yookiin adabbiilee adda addaa walitti dabalamaniin adabamuu ni danda’a.

24.3.Dhaabbaticha keessatti, adabbiin ol-aanaan dhaabbatichaarraa maqsuu dha. Badiiwwan adabbii kanaan nama adabsiisanis:

A.      Sagantaa fi tarsiimoo kan dhaabbatichaatiin ala ta’e qabatanii hojiirra oolchuuf yaaluu, yookiin garaagarummaan sagantaa fi tarsiimoo dhaabaatichaarratti qabu tattaaffiin irra deddeeebi’amee erga taasifameen booda tasuma walitti dhiyaachuu yoo dadhabee,

B.    Malaammaltummaa raawwachuu,

C.    Hir’ina naamusaa irra deddeebi’amee mul’atee fi cimaa ta’e, akkasumas dirqama hojii kennameef raawwachuudhaaf fedha dhabuu,

D.    Dhaabbaticha keessatti garee uumuu,

E.    Gocha farra-Demokraasii cimaa ta’e raawwachu fi,

F.    Ji’a 6 walitti aansanii buusii miseensummaa dhaabbatichaa kafaluu dhabuu dha.

24.4.    Namni miseensummaa Dh.D.U.O. irraa ari’ame iddoo kamittuu Dh.D.U.O. bakka hin bu’u

 

Keewwata 25

Akkaataa Raawwannaa Adabaa

25.1    Adabbiin kan murteeffamu akkaataa seera ittiin bulmaataa fi qajeelfama Dh.D.U.O. tiin qaamota mirgi kennameef qofaan ta’a.

25.2 Tarkaanfii adabbii akka fudhatu qaamni dambii kanaan mirgi kennameef, akkaataa dambii kanaan hayyamameen alatti yoo tarkaanfii fudhate innis akkaataa dambichi hayyamun qaama isaa ol jiruun tarkaanfiin irratti fudhatama.

25.3 Miseensonni adabaman himata isaan irratti dhiyaate beekuu, nuti balleessaa hin raawwanne jedhanii yoo amanan ragaawwan isaanii dhiyeeffatanii mirga falmachuu ni qabaatu.

25.4 Miseensa adabbiin irratti murtaa’e tokkoof, himata isa irratti dhiyaate, adabbii isarratti murtaa’e, qaama irratti murteesse kan agarsiisu ibis barreeffamaa kennamuufii qaba. Garagalchi barreeffama kanaa galmee miseensichaa keessa kaa’amuu qaba. Miseensichis adabbii irratti murtaa’e ilaalchisee yaada qabu barreeffamaan murtee adabbii isaa wajjin wal qabatee akka taa’uuf gochuuf mirga ni qaba.

25.5 Miseensi murteen sirrii hin taane narratti murtaa’eera jedhu tokko sirna ol-iyyannoo Dambii Ittiin Bulmaataa fi tarreeffama qajeelfamoota Dh.D.U.O.bu’uureffachuudhaan mirga murticha mormuu fi mirga ol-iyyachuu ni qabaata.

25.6 Miseensi kamiyyuu, miseensa kan biraa irratti murteen sirrii hin taane murtaa”eera jedhee yoo amane, hayyama miseensichaa irratti hundaa’uudhaanis ta’e hayyama isaatiin alatti, bu’uura seerri ittiin bulmaataa fi qajeelfamonni hojiimaata Dh.D.U.O.hayyamuun flamufis ta’e mormuuf mirgaa fi dirqama ni qabaata.

25.7 Qajeelfamoonni tarreeffamaa adabbiin ittiin raawwatamu qajeelfamoota armaan olitti 25.1 – 25.6 tti ibsaman ka’umsa godhachuudhaan Koree Giddu-galeessa Dh.D.U.O tiin ba’u.

 

 

 

 

BQQONNAA SHAN

CAASAA DHAABBATUMMAA

Keewwata 26

Bifa Caaseeffamaa

26.1Bulchiinsa Mootummaa fi caasa hojii naannoo Oromiyaa keessaa jiru Hordofee, qaama hoggansaa ol-aanaa sadarkaa giddu galessaatti argamuu kaasee hamma qaama hoggansaa gadaanaa jechuunis hamma Maandheetti yookiin seeliitti kan caaseeffaman qaamoota hoggansaa kan qabu yoo ta’u, isaanis:-

26..1. Yaa’ii Dhaabbatummaa;

26.1.2. Koree Giddu-Galeessaa;

26.1.3. Koree Hojii-raawwachiiftuu;

26.1.4. Durtaa’aa Dh.D.U.O

26.1.5. Itti –aanaa Durataa’aa Dh.D.U.O;

26.1.6. Komishinii To’annoo Giddu-galeessaa;

26.1.7. Koree Dhaabaa

26.1.8. Waajjira Koree Giddu-Galeesaa;

26.1.8.1.Qajeelcha sub-qunamtii Dh.D.U.O.

26.1.8.1.1: Qajeelcha Ijaarsa Dh.D.U.O.

26.1.8.1.2.  Qajeelcha Bulchiinsa Humna Namaa fi

                   Qabeenyaa Dh.D.U.O.

26.1.8.1.3.   Liigii Dargaggoo Dh.D.U.O.

26.1.8.1.4.   Liigii Dubartootaa Dh.D.U.O.           

26.2. Gurmaa’ini waliigalaa armaan olitti ibsame   akkuma eegametti ta’ee sadarkaa Godinaa fi Aanaatti sub-qunamtii fi Ijaarsi Dh.D.U.O. ni jiraatu. 

26.3. Waajjiri Dh.D.U.O. Godinaa fi Aanaa haaluma wal-duraa duubaatiin kan hoogganamu Ittigaafatama sub-qunamtii Godinichaa fi Aanaatiin ta’a.

26.4.Sadarkaa Hundee Dhaabaatti konfransiin Dhaabaa ni  jiraata.

26.5.   Hundee Dhaabaa gaditii Ijaarsi maandhee (seelii) ni jiraata.

Keewwata 27

Yaa’ii Dhaabbatummaa

A. Hundeeffama

1.  Yaa’iin Dhaabbatummaa bakka bu’oota miseensota dhaabbatichaa hunda keessaa karaa bilisaa fi demokraatawaa ta’een filamaniin kan hundeeffamu ta’a. Yaa’iin yookiin kooramiin guutamee adeemsifamuu danda’a kan jedhamu miseensota yaa’ichaa keessaa 2/3 harka sadi keessaa lama yoo argamaniidha.

2.Yaa’iin Dhaabbatummaa waggaa lamaa hanga waggaa lamaaf walakkatti al tokko kan adeemsifamu yoo ta’u, miseensonni yaa’ichaa abbaa sagalee ta’anis hanga bara hojiisaanii kana xumuranitti miseensota yaa’ii dhaabbataa ta’anii itti fufu.

3.   Kana gidduutti yaa’ichaaf miseensa dhaabbataa kan ta’an  keessaa kan ari’aman, kan ittifaman, kan du’an yookiin sababii adda addaatiin kan hir’atan yoo jiraatan kallatta dhaan miseensummaa yaa’ii  dhaabbataa keessaa haqamu. Qaama isaan filatu  nama biraa filee bakka isaanii buusa.

4.    Yeroo murtaa’aa yaa’iin idileen itti adeemsifamu qabu keessatti haalli yaa’icha waamuu hin dandeessifne yoo uumame, Koreen Giddu Galeessaa haalicha ilaaluudhaan hanga ji’a ja’aa dheeressuu ni danda’a. Haaluma kamiinuu yaa’icha yeroo dambii kanaan murtaa’e caalaa dheeressuun hin danda’amu.

5.    Yeroon yaa’ichi itti adeemsfamu osoo hingeenye dura yaa’iicha waamuun barbaachisaa ta’ee yoo argame, Koree Giddu-Galeessaan yaa’iin ariifachiisaan waamamuu ni danda’a, filannoo haaraan yaa’ii ariifachiisaaf jecha adeemsifamu hin jiraatu, kan moggaafamu yaa’ii isa dhaabbataatiin ta’a.

6.   Miseensi yaa’iin ariifachiisaan akka waamamu barbaadu, gaaffisaa Koree Giddu-Galeessaaf dhiyeessee yoo fudhatama dhabe, gaaffiicha qaama ofiisaatiif keessa jiruuf dhiyeessee sagalee 1/3ffaa ta’een deeggarsa argachuu fi qaamota ol-aanoo sadarkaa adda addaarra jiraniifis dhiyaatee degersa kana fakkaatu argachuu qaba.

7.     Gaaffiin haala kanaan deeggarsa argatee darbe, Koree Giddu-Galeessi gaafficha dhiyaate sababiisaa waliin miseensota hundaaf akka diriiru godhee, miseensota hunda keessaa sagalee %50+1 yookiin sanaa ol deggarsa yoo argatee yaa’ii ariifachiisaan akka waamamu godha.

8.     Murtiin dhaabbatummaa sagalee caalmaatiin kan  dabru ta’a.

     B. Aangoo fi Itti gaafatama Yaa’ichaa

1.     Sagntaa fi ittiin bulmaata dhaabbatichaa, akkasumas karooroota ol-aanoo waggaa lamaa ykn hanga yaa’ii itti aanuutti tajaajilu ni raggaasisa.

2.     Tarsiimoo fi tooftaa dhaabbatichi ittiin hogganamu ni murteessa.

3.   Koree Giddu-Galeessaa fi Komishinii To’annaa Giddu-Galeessaa ni fila, ni mulqa, gabaasota Koreefi Komishinaa filatee kanaan dhiyaataniif ni dhageeffata; ni qorata; dhimmoota ol-aanoorrattis murtii ni kenna.

4.     Walitti dhufeenyi dhaabbatichi dhaabbatoota demokraatawaa ta’an kanneen biraa wajjiniin godhu akeeka (principle) akkamiirratti hundeeffamee adeemsifamuu akka qabu ni murteessa. Waliigalteewwan taasifaman ni qorata; ni raggaasisa, ni diiga.

5.   Yaa’iin dhaabbatichaa pireezidiyeemii miseensota yaa’ichaatiin filameen kan hogganamu yoo ta’u qophii fi tarreeffamni yaa’ichi ittiin hogganamu Koree Qopheessituu yaa’ichaatiin kennama.


 

Keewwata 28

Koree Qopheessituu Yaa’ii

A. Hundeeffama

1.     Yaa’iin idilee fi yaa’iin hatattamaa kan qophaa’u Koree Qopheessituu Yaa’ii Koreen Giddu-Galeessaa fi komshiinii Too’annoo Giddu Galleessa of keessaa hundeessun ta’a.

2.    Yaa’iin ariifachiisaan miseensotaan yookaan Komishinii To’annaatiin waamamu kan qophaa’u Koree Qopheessituu yaa’ii namoota miseensota dhaabbatichaa hunda keessaa filamanii fi Koree GidduGaleessaa fi Komishinii To’annaa Jiddu galeessaatin bakka buufamaniin murteeffama.

3.     Lakkoofsi miseensota Koree Qopheessituu, yaa’ii walgayii waliin Koree Giddu-Galeessaattii fi komishinii to’annaa Jiddu galeessaatiin murteeffama.

B. Aangoo fi Itti gaafatama

1.Qophii yaa’ichaa ol-aantummaan hooggana.

2.  Lakkoofsaa fi walkeessummaa hirmaattootaa ni murteessa, Koree Giddu-Galeessaa fi waliigala miseensotaa irraa ajandaa qophi yaa’iitiif barbaachisu fudhachuudhaan qophiin akka gaggeeffamu godha.

3. Miseensota ramaduudhaan qophii ajandaa yaa’ichaarratti godhamuuf qophiin barreeffamaan akka taasifamu ni godha.

4.   qophii yaa’ichaa ilaalchisee Koree Giddu-Galeessaa waliin wal gargaaruudhaan ni hojjata.

5.   Hojiisaa ilaalchisee yaa’iidhaaf gabaasa ni dhiyeessa, prezidiyemii ni filachiisa.

6.   Yaa’ichi yemmuu xumuramu hojiin Koree qophii yaa’ichaa ni xumurama.

 

 

Keewwata 29

Koree Giddu-Galeessaa

A. Hundeeffama

1.Koreen Giddu-Galeessi qaama hoggansaa yaa’ichaan hundeeffamuu dha. Qaamni hoggansaa kun miseensota dhaabbatoo qofaan ijaarama. Lakkoofsi Koree jiddu galleesaa yaa’iidhaan murtaayaa.

2.   Filannoon koree jiddu galeessaa kan gaggeeffamu koreen filachiiftuu yaa’ii keessaa hundeeffamuun ykn eeruu koreen pirezidiyeemii erga fuudhateen booda ta’a. Namin koree jiddu galleesaatiif eeraame tokko sadarkaa eeruutti sagalee deegarsaa miseensoota yaa’ii keessaa harka sadi keessa tokko (1/3) argachuu qaba.

3.   Koree filachiiftu keessaa namn koree jiddu galleessaatiif eerame tokko nama biraatiin bakka bu”uu qaba.

4.   Namn Koree filachiiftuu ta’ee filatame tokko koree jiddu galleesaatiif filatamuu ni danda’a.

5.  Walgahiin idilee Koree Giddu Galeessaa kan adeemsifamu ji’a ja’atti (6) ta’a. Qorannoon hojiitii fi murtiiwwan walgahii idilee ji’a ja’atti (6) adeemsifamuu sadarkaa sadarkaan miseensotaaf ni bu’a. Akkasumas Miseensota Koree Hojii-raawwachiiftuu yookiin Koree Giddu-Galeessaa harka sadii keessaa lama (2/3) yoo  gaafatan walgahii ariifachiisaan waamamuu ni danda’a.

6.   Walgahiin adeemsifamuu kan danda’u, miseensota keessaa  harka sadi keessaa lama(2/3)yemmuu argaman yoo ta’u murtiinis sagalee caalmaan dabra.

B.   Aangoo fi Itti gaafatama

1.  Itti waamamnisaa yaa’ii dhaabbatichaatiif ta’ee yaa’iiwwan lamaan jidduutti qaama hoggansa dhaabbatichaa ta’uudhaan hojiiwwan, qaamootaa fi miseensota dhaabbatichaa ni hoggana.

2.   Karoora tarreeffamaa baasuudhaan murtiiwwan yaa’iin dhaabbatichaa dabrse ni raawwata, ni raawwachiisa, hojiirraa oluusaanii ni to’ata. Hoggansa tarsiimoo fi toftaa ni kenna.

3.  Akkaataa murtiiwwan yaa’iidhaan dabraniin faallaa hin taaneen karoorota, imaammatootaa fi qajeelfamoota Wayyaawaa ta’an ni baasa, niraawwata, ni hordofa. Ejjannoowwanii fi imaammatoota haalaan haaraa ta’an ilaalchisanii ba’anirratti miseensonni duraan dursanii akka yaada kennanii fi akka gabbisan ni taasisa.

4.   Qabeenya, mallaqaafi human namaa dhaabbatichaa ol-aantummaan ni hoggana, ni bulcha, baajata waggaatiis ni murteessa.

5.  Dhaabbaticha bakka bu’uudhaan mootummaa fi dhaabbattoota waajjin akkasumas qaamoota 3ffaa wajjin wal-qunnamtii ni godha.

6.   Boordiin Eeditoriyaalaa   Gaazeexoota   ADWUI, boordii

7.   Gaazexaa Oromiyaas akka ta’u ni fudhata.

8.   Gulaalaa Gaazexaa Oromiyaa ni ramada.

9. Barbaachisummaasaa qorachuudhaa, akkuma sadarkaa guddinaa dhaabbatichaa fi haala qbatamaa naannichaatti karaa mijjaa’aa ta’een dhaabbaticha ni caaseessa. Caasaa dhaabatichaa yeroo yeroon qoratee ni sirreessa, caaseeffama haaraas hojiirra ni oolcha, akka hojiirra oolus ni godha.

10.Miseensota sababii adda addaatiin miseensummaa Koree Giddu-Galeessaatiin turuu hin qabne hang yaa’ii itti aanuutti ni’ittisa.

         Murtichi hojiirra kan ooluus, Koree Giddu-Galeessa sagalee harka sadii keessaa lama (2/3) ta’een yoo murtees’eedha. Miseensicha ittisame ilaalchisee sababiisaa wajjin miseensota ni beeksisa. Akkaataan lakkoofsi miseensota Koree giddu galeessaa sababii adda addaatiin hir’achuu itti danda’uufi haalli sababii ittifamuutiin itti hir’atu jiraachuu danda’us lakkoofsi miseensotasaa harka sadii keessaa lama (2/3) gadi bu’uu hin qabu. Yoo kun ta’e yaa’ii ariifachiisaa waamee filachiisuu qaba.

11.  Miseensota Koree Hojii-raawwachiiftuu, Dura Taa’aa fi Itti   

      Aana Dura Taa’aa Koree Giddu- Galeessaa ni filata.  

  Barbaachisaa ta’ee yoo argame ni geeddara, ni mulqa, 

  murtiisaatiis miseensotatti ni beeksisa.

12. Miseensota Koree Hoji-raawwachiiftuu filachuu dhaa             Koree- hojii raawwachiiftuu dhaabbatichaa ni                 hundeessa.

13.  Miseensota Koree Giddu-galeessaa keessaa Mana Maree A.D.W.U.I. tiif miseensota abbaa sagalee ni filata, yeroo  barbaachisaa ta’etti ni mulaq, bakka ni buusa.

14. Ramaddii miseensota Koree Hojii raawwachistuu Godinaa fi Aanaa ni raawwata.

15. Koreen Jiddu Galeessaa miseensotasaa Koreewwan adda addaa keessatti ramaduudhaan hojii addaan qooddatee ni raawwata. Miseensi Koree Giddu-Galeessaa kamiyyuu iddoo hojii fi ramaddii Koree Giddu-Galeessaatiinis ta’e Koree Hojii-raawwachiiftuutiin kennamaniif fudhatee hojjachuu qaba.

16. Hojiisaa ilaalchisee yaa’ii dhaabbatichaatiif gabaasa ni dhiheessa.

Keewwata 30

Koree Hoj-Raawwachiiftuu

A) Hundeeffama

1.     Koreen Hojii-raawwachiiftuu DH.D.U.O. miseensota dhaabbatoo Koree Giddu-Galeessaa keessaa filataman kan qabaatuu dha.

2.   Walgahiin idilee Koree Hojii-raawwachiiftuu ji’atti al tokko kan adeemsifamu yoo ta’u, walgahiin adeemsifamuu kan danda’u miseensota keessaa harka sadii keessaa lama (2/3) yoo argamani dha. Murteenis sagalee caalmaan murtaa’a.

3.    Dura Taa’aa fi, Itti Aanaa Dura Taa’aan Koree Giddu-Galeessaa, walduraa duubaan walitti qabaa fi Itti Aaana walitti qabaa Koree Hojii Raawwachiistuu ta’u.

B) Aangoo fi Ittigaafatama

1. Itti waamamnisaa Koree giddu-Galeessaatiif yoo ta’u, hojiilee qaamotaa fi miseensota dhaabbatichaa hunda ol’aantummaan ni hoggana, ni bulcha.

2. Hojiirra ooliinsa karoorota, murtiiwwaniifi imaammatoota Koree Giddu-Galeessaatiin ba’an ni hordofa, ni to’ata.

3. Ajandaalee walgahiiwwan Koree Giddu-Galeessaa ni qopheessa. Barbaachisaa ta’ee yemmuu argamu yookiin yoo gaafatamu walgahii ariifachiisaa Koree Giddu-Galeessaa ni waama.

4.   Hojiisaa ilaalchisee walgahii Koree giddu-Galeessaatiif gabaasa ni dhiheessa. Ramaddii hojii miseensotaa fi Koree Giddu-Galeessaa ni murteessa.

Keewwata 31

Dura Taa’aa Dhaabbatichaa

1. Walgahiiwwan Koree Giddu-Galeessaatii fi Koree                Hojii-raawwachiiftuu dura taa’ummaadhaan ni hoggana.

2. Karooronni, imaammatootaa fi murtiiwwan dhaabbatichaa akkaataa Koree Giddu-Galeessaa fi Koree Hojii-raawwachiiftuutiin murtaa’etti hojiirra ooluusaanii ni hordofa.

3. Itti waamamnisaa Koree Giddu-Galeessaatiif ta’ee yeroo walgahiiwwan Koree Hoji-raawwachiiftuu jiddu jiru keessatti hojiilee fi qaamota dhaabbatichaa ol’aantummaan ni hoggana.

4. Dhaabbaticha bakka bu’uudhaan qaamota adda addaa wajjin walqunnamtii ni godha.

5. Walgahii idilee fi ariifachiisaa Koree hoji-raawwachiiftuu ni waama

6. Hojiisaa ilaalchsee Koree hoji-raawwachiiftuuf gabaasa ni dhiheessa.

7. Akkaataa Dambii Ittiin Bulmaataatiin murtaa’etti walgahiiwwan Koree Giddu-Galeessaafi Koree hoji-raawwachiiftuu dhaabbatichaa ni waama.

8. Walgahiin ariifachiisaan Koree Hoji-raawwachiiftuu sagalee harka sadii keessaa lama (2/3) ta’een yemmuu gaafatamu ni waamama. Ofiisaatiifis walgahii ariifachiisaa Koree Hoji-raawwachiiftuu waamuun barbaachisaa dha jedhee yoo itti amane waamuu ni dhanda’a.


 

Keewwata 32

Waajjira Dhaabbaticha

 32.1.  Waajjira Giddu Galeessaa Dh.D.U.U.

 32.1.1. Gurmaa’inaa fi Hojimaata Waajjirchaa

 A.   Waajjirri Koree Giddu-galeessa Dh.D.U.O waajjira          Mummichaa dhaabbatichaa tti

 B.    Waajjiricha kan geggeessu Koree Giddu galeessa

    keessaa kan ramadamu Ittigaafatamaa sub-          qunamttiitiin ta’a

C. Waajjirichi kutaalee hojii adda addaa of jalaa ni  qabaata.

32.1.2. Itti gaafatamuummaa fi hojiilee Sub-Qunamatii

A.    Ittigaafatamaan sub-qunamtii itti waamamni isaa Dura taa’aa Dhaabbatchaatiif ta’a.

B. Hojii Sub-Qunamtii ni karoorsa, qaama dhimmi ilaalutti dhiyeesee yoo mirkanaa’u hojii irra ni oolcha.

C.  Waajjira Dh.D.U.O. ni hooggana.

D.  Hojii Ijaarsaa, Liigii Dargagoo, Liigii Dubartootaa fi  Bulchiinsa Humna namaa fi qabeenya ni qindeessa ni hooggana.

   E     Godinaalee wajjiin wal-qunamti ni qabaata.

   F. Gabaasa raawwannaa hojii sub-qunamtti fi Ijaarsaa  akkasumas qaamota Dh.D.U.O. ta’an irraa wajjirichaaf dhiyaatan cuunfee Dura ta’aa dhaabbatiichaatiif barreeffamaan ni dhiheessaa.

32.2. Ittigaafatamummaa fi Hojiilee Ittigaafatamaa Bulchiinsa Humina Namaa fi Qabeenya Dh.D.U.O.

 A. Walga’ii Koree Giddu-galeessaa fi hojii raawwachiiftuu akka waamamuu yeroo murtaa’u waamiicha ni dabarsaa, ajandaa wal-ga’ii ni rabsaa, qaboo yaa’ii ni qaba.

B. Chaappaa fi sanadoota dhaabbatichaa ni qaba.

C. Baajata waggaaf barbaachisu qopheessee qaama   

     dhimmi ilaaluun akka mirkannaa’u ni godha.   

     Baajata waggaaf eyyamamaaf fiqabeenya  

     dhaabbatichaa ni  bulcha.

D. Caaseeffama, hojmaata, humna namaafi qabeenya

    waajjirichaa yeroo yeroon qoratame hojirra akka

    oolu ni socha’a yeroo murtaa’us hojiirraa ni olcha.

F.  Raawwii Hojii isaa kan ji’a sadii fi kan waggaa Dura

    taa’aa fi sub-qunamtiif ni dhiyeesa.

32.3. Waajjira Sub-Qunamttii Dh.D.U.O.