|
SEENSA
Dhaabbanni keenya Dhaabbanni Demokraatawaa Ummata Oromoo, dhaabbata
kaayyoowwan Demokraasii warraaqsaa qabatee fi galma gahiinsa
kaayyoowwan kanaatiif qabsaa’uudha. Dh.D.U.O.n bu’uuraan
dhaabbata Ummata Oromoo ta’ee ummatoota biroos sagantaa
Demokraasii warraaqsaa jalatti walitti qabuudhaan naannoo
keenyaa fi sadarkaa guutuu biyyaatti sirni Demokraasii fi
misoomni dinagdee itti fufiinsa qabuu fi ummanni bal’aan
keenya irraa fayyadamu akka mirkanaa’u gochuuf dhaaba
qabsaa’uu dha. Kaayyoowwan Demokraasii warraaqsaa Dh.D.U.O.
dhaabbateef hojii irra oolchuudhaan, ummanni keenya hiyyummaa
fi boodatti hafummaa keessaa ba’ee fayyadamaa mirgoota
Demokraasii fi sirna haqaa akka ta’u ni amanama.
Dh.D.U.O.n miseensa adda Demokraasummaa Warraaqaa Ummatoota Itoophiyaa (A.D.W.U.I.)ti.
Qabsoo bittaa faashistummaa Dargii dhabamsiisuuf adeemsifame
keessattis ta’e kufaatii Dargii booda adeemsa qabsoo ture
keessatti ga’ee gama isaa bahachuudhaan injifannoowwan biyya
keenya keessatti galmeeffamaniif qooda irraa eegamu
gumaacheera. Ummanni Oromoo Cunqursaa fi bittaa Nafxanyaa
Suukanneessaa keessaa ba’ee mirga ofiin of-bulchuu goonfachuun,
afaan isaatiin fayyadamuu fi walumaagalatti eenyummaa sabummaa
isaatiin boonuu jalqabuun isaa, qabatamaatti bu’aa qabsoo
ummataa Dh.D.U.O.tiin hogganame ta’uu isaatiif ragaan ummatuma
Oromooti, Akkasumas, ummanni Oromoo Obboleewwansaa kan ta’an
saba, sablamootaa fi ummatoota biroo wajiin, tokkummaa
demokraatawaa walqixxummaa irratti hundaa’een akka walitti
hidhamuu fi faayidaawwan sabummaa isaa akka kabachiisu gochuuf
sochiiwwan bal’aa adeemsiseera.
Bu’aawwan sochii haaromsaatiin argaman irratti hundaa’uudhaan, akkaataa
dhaabbanni keenya hojii isaa itti adeemsisu irratti, walitti
dhuufeenya jaallummaa hoggansaa fi miseensa keenya gidduu
jiruu fi adeemsa demokraatawaa dhaabbaticha keessa jiru
irratti rakkoolee ciccimoo uumamanii turan akkaataa hundeedhaa
dhabamsiisuu dandeesisuun Dambii Ittiin Bulmaataa fooyya’aa
ta’e qopheessuun barbaachisaa ta’ee argameera. Dambii Ittiin
Bulmaataa kunis tokkummaa yaada nuti qabnu bifa seerummaa fi
dhaabbatummaa qabsiisuudhaan qajeelfamoota demokraatawaa
hordofuudhaan akka tokkummaa cimaa gochaatiin calaqqisan
gochuudhaaf ga’ee qabaata. Kana waan ta’eef, Dambiin Ittiin
Bulmaataa kun gama tokkoon ifaa fi bilisummaa yaadaatiif
haalawwan demokraatawaa mijeessuudhaan, gama biraatiin immoo
hojiirra oolmaa fedhiiwwan warra sagalee caalmaa qabaniitiif
akka tolu dirqamoota gamtaa addaan baasee seeressuudhaan (tumuudhaan)
dhaabbanni keenya ergama ummatummaa isaa ga’umsaan akka
raawwatu taasisa.
Walumaagalatti, Dambiin Ittiin Bulmaataa kun, galma gahiinsa kaayyoo
keenyaatiif akka qabsoofnuu fi kaayyoo qabsoofnuuf kana
irratti tokkummaa ilaalchaa fi gocha qabaannee akka bobbaanu
kan nu dandeessisu meeshaa qabsoo keenyaa isa murteessaa dha.
Dambiin Ittiin Bulmaataa kun adeemsi Demokraasii dhaabbata
keenya keessatti akka dhugoomu, iftoomaa fi itti
gaafatamummaan akka cimu, hirmaannaan miseensa hundaa akka
dagaagu, mirgaa fi dirqamni miseensaa ifatti adaan ba’ee
kaa’amee akka hojii irra oolu, akkasumas hooggansa ol’aanaa fi
qaama gar-jallaa fi miseensota didduutti walitti dhufeenyi
demokraatawaa ta’e akka jiraatu gochuudhaaf Dambiin kunis
haalawwan qabatamoo kana ka’umsa godhachuudhaan qophaayeera.
BOQONNAA TOKKO
TUMAATA WALIIGALAA
Keewwata 1
Mata-duree Gabaabaa
Dambiin Ittiin Bulmaata kun “Dambii Ittiin Bulmaataa Dhaabbata
Demokraatawwaa Ummata Oromoo yaa’ii afraffaa
Dhaabbatummaarratti Fooyya’ee Ragga’e: jedhamee waamamuu ni
danda’a.
Keewwata 2
Ittiin Waamama
Dhaabbatichaa
Maqaan Dhaabbatichaa “Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo”
yookin gabaabinaan “ Dh.D.U.O.” jedhamee waamama.
Keewwata 3
Alaabaa Dhaabbatichaa
Alaabaan Dh.D.U.O. irraa gadeen isaa gabaabaa ta’ee, dalgatti dheeraa fi
walumaagalatti roga afur kan qabu dha. Dheerinni irraa-gadee
isaa walakkaa dalga isaa ti. Qarqara gara bitaatii eegalee
hanga walakkaasaatti iddoon roga sadiin sararame gara
keessaatti qara isaa kan dhaabe ta’ee roga sana walakkaarratti
urjii kan qabu ta’a. Keessi roga sadiin daangeffame kun halluu
bifa magariisaa kan qabuu dha. Walakkaadhaa eegalee gara
oliitti halluu bifa diimaadhaan kan uwwifame yemmuu ta’u,
qaamni alaabichaa inni hafu halluu bifa keelloo kan qabu dha.
Alaabichi Odaa halluu keelloorra dhaabbatee hanga walakkeessa
alaabaichaatti ol dheeratus ni qaba.
Keewwata 4
Hiikaa Alaabichaa
Bifti diimaan alaabichaa wareegama ummanni Oromoo mirga Demokraasii fi
walqixxummaaf kenne kan agarsiisu yemmuu ta’u, keelloon abdii
gaarii gara fuula duraa agarsiisa. Bifti magariisaa lalisummaa
fi misooma kan agarsiisu yoo ta’u Odaan aadaa fi seenaa Ummata
Oromoo agarsiisa. Urjiin walgargaarsa qabsoo ummattoota
cunqurfamoo biroo waliin jiru kan agarsiisuu dha.
Keewwata 5
Asxaa Dhaabbatichaa
Bu’uurri isaa keelloo ta’ee, kaa’aa geengoo keessatti gamaa gamanaan
fakkii qamadii fi ilkaan maashinii garjallaadhaan walitti
hidhaman qaba. Qamadii fi ilkaan maashinii gidduu Odaatu jiraa.
Gararraa Odaarra aduddee (andarii) barartutu
jira.
Keewwata 6
Hiikaa Asxichaa
Qamadiin tarsiimoo misooma qonnaarratti hundeeffame
agarsiisa Ilkaan maashinichaa fedhii guddina industirii kan
agarsiisu ta’ee, walitti hidhamuun ilkaan maashinichaa fi
qamadii wal-deeggarsa qonnaa fi industrii agarsiisa. Odaan
aadaa fi seenaa ummata Oromoo agarsiisa. Aduddee (andarii)
adiin nageenyaaf fedhii qabnu agarsiisa. Bu’uurri keelloon
asxichaa abdii ifaa gara fuuladuraa agarsiisa.
2Keewwata
7
Sagalee
Dhaabbatichaa
Sagaleen dhabbatichaa gaazexaa “OROMIYAA” ti.
Keewwata 8
Waajjira Muummee
Dhaabbatichaa
Waajjirri muummeen dhaabbatichaa Finfinnee keessa ta’a.
Dhaabbatichi Godinootaa fi Aanaalee Naannoo Oromiyaa keessatti
akkasumas akka barbaachisummaa isaatti Oromiyaadhaa alattis
waajjiroota dameewwan qabaachuu ni danda’a.
Keewwata 9
Afaan Hojii Dhaabbatichaa
Afaan hojii dhaabbatichaa Afaan Oromooti.
Keewwata 10
Ibsa Saalaa
Dambii Ittiin Bulmaataa kana keessatti dhimmootni saalaa dhiiraatiin
ibsaman hundi saala dubartiitis ni dabalatu.
BOQONNAA LAMA
FOO’ANNAA, MIRGAA FI DIRQAMA
MISEENSAA FI MISEENSA KAADHIMAMAA
Keewwata 11
Miseensummaa
Dhalataan saba Oromoo kamiyyuu, dhalataa sabaa fi sablammii biroo
naannicha keessa jiraatu kamiyyuu dabalatee, hanga sagantaa
Siyaasaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaa fudhatee
hojiirra ooliinsa isaatiif nama qabsaa’u, akkasumas hirmaannaa
hoo’aa kan godhuu fi,
11.1. Umriinsaa waggaa 18 kan guutee fi isaa ol kan ta’e,
11.2. Naamuusa hojii gaarii kan qabu,
11.3. Miseensa ta’uuf fedhii kan qabu,
11.4. Caasaa dhaabbatichaa keessaa tokko jalatti gurmaa’ee
hirmaannaa qabatamaa kan godhuu fi kanaafis adda duree kan
ta’e,
11.5. Qajeelfama dhaabbatichaarratti hundaa’ee buusii
miseensummaa kan kafaluu fi
11.6. Mirga miseensa dhaabbata siyaasaa ta’uu seeraan kan
hin mulqamne hanga ta’etti, miseensa Dh.D.U.O. ta’uu ni
danda’a.
Keewwata 12
Waa’ee Foo’annaa Miseensaa
12.1.Namni Sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa
Dh.D.U.O.fudhate tokko qaama Dh.D.U.O. naannoosaatti argamuuf
gaaffii miseensummaa dhiheeffachuu ni danda’a.
12.2. Qaamni caasaa Dh.D.U.O. iddoo hundatti argamu,
nama sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaatiif
amanamaa ta’ee fi hojiirra oolchuufis adda durummaan ni
qabsaa’a jedhee itti amane tokko, fedhii qabaachuusaa
mirkaneeffatee miseensummaa dhaabbatichaatiif foo’uu ni
danda’a.
12.3. Miseensi nama foo’ame sana dhiheessu orneela
miseensi ittiin foo’atamu tarreeffamaan guuteeti dhiheessa.
Wanti barreeffame sirrii ta’uusaatiifis yaadasaa wajjin
maqaasaa guutuu fi mallattoosaa ni kaa’a.
12.4. Nama foo’ame sana ilaalchisee orneelarratti kan
guutame sirrii ta’uusaa fi miseensummaaf gahaa ta’uusaa
miseensa isa beeku kan biraa tokkoon ni mirkaneeffama. Namni
kunis sirrii ta’uusaatiif yaadasaa wajjin maqaa fi
mallattoosaa ni kaa’a.Keewwata 13Waa’ee Miseensa Kaadhimamaa
Keewwata 13
Waa’ee Miseensa
Kaadhimamaa
13.1.Yeroo miseensa kaadhimamaa kan jedhamu, yeroo miseensichi
ilaalchaa fi ga’umsa miseensa guutuu ta’uu isa dandeessisu ol
guddifatee siyaasaan cimuu fi miseensummaaf ga’aa ta’uunsaa
itti mirkanaa’u yeroo madaallii ti.
13.2. Namni miseensa Dh.D.U.O. ta’uuf foo’ame tokko, osoo
miseensa dhaabbatichaa guutuu hin taaneen dura yeroo ji’a
jahaaf (6) miseensa kaadhimamummaa keessa dabruu qaba.
3.3. Yeroon miseensa kaadhimamummaa gaafa namni sun
sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaarratti
mari’atee fudhatee fi miseensa kaadhimamaa ta’uunsaa itti
ragga’ee kaasee jalqabama.
13.4. Barbaachisaa ta’ee yoo argame yeroon kaadhimamummaa kun
ji’a sadiif dheerachuu ni danda’a. Yeroon miseensa
kaadhimamummaa akka dheeratu yemmuu murtaa’u sababiisaa wajjin
miseensichaaf ni ibsama.
Keewwata 14
Waa’ee Miseensummaa Raggaasuu
14.1. Namni miseensummaaf foo’amee dhiyaate, gadi fageenyaan
qoratamee bu’uura ulaagaa jiruutiin ga’umsi isaa erga
mirkanaa’een booda miseensa kaadhimamaa akka ta’u, akkasumas
yeroo kaadhimamummaasaa yemmuu xumuru miseensa guutuu akka
ta’u ofitti fudhatee raggaasisuun hojii hundee dhaabaatiin
raawwatamu ta’a.
14.2.Kaadhimamummaaniis ta’ee miseensummaan guutuun
yemmuu ragga’u galmee dhuunfaa abbichaa irratti akka ibsamee
kaa’amuu fi filatamtichis akka beeku ni taasifama.
Keewwata 15
Akkaataa Fo’annaan Miseensota
Itti raawwatamu
Tarreeffamni raawwannoo foo’annaa miseensotaa akkaataa qajeelfama Koreen
Giddu-Galeessaa baasuutiin kan adeemsifamu ta’a.
Keewwata 16
Mirga Miseensotaa
16.1.Miseensi guutuun kamiiyyuu filannoowwan
dhaabbaticha keessatti sadarkaa adda addaarratti hojiif
adeemsifaman irratti mirga filuu fi filatamuu ni qabaata.
Dhimmoota sagaleedhaan murtiin irratti kennamurrattis mirga
sagalee kennuu ni qaba.
16.2.Miseensi kamiyyuu mirga walgahiiwwan
dhaabbatichaarratti hirmaachuu fi dhimma kamiyyuurratti
waltajjiiwwan seerummaa qabaniif barreeffamaanis ta’ee
afaaniin yaadasaa karaa bilisa ta’een tarkaanfachiisuu ni
danda’a.
16.3.Miseensi kamiyyuu, sagantaa fi tarsiimoo
dhaabbatichaa ilaalchisee yaada addaa yookiin haaraa yoo
qabaate yaadni isaa yookiin garaagrummaan inni qabu gaazexaa
keessaa dhaabbatichaarratti miseensotaaf akka dhiyaatu gochuuf
yookiin waltajjiiwwan irratti afaaniin dhiheessuuf mirga qaba.
16.4.Koreen Giddu-Galeessaa yookiin Editooriyaal
Boordiin barreeffamichi raabsamuun barbaachisaa miti jedhee
yoo dhoowwe sababii dhoowweef miseensichaaf barreeffamaan ni
beeksisa. Miseensichi ittifamuu barreeffamichaatti yoo amanuu
baatee miseenota dhaabbatichaa keessaa deeggarsa sagalee 1/3ffaa argannaan
haala barreeffamichi miseensotaaf ga’uu itti danda’u uumuun ni
danda’ama.
16.5.Miseensi dhaabbatichaa kamiyyuu waa’ee
mataasaa, waa’ee qaama biraa, waa’ee hoggansaa,
walumaagalattis waa’ee dhaabbatichaa ilaalchisee waan beekuu
qabu hamma Koree Giddu-Galeessaatti gaafachuu fi deebii
argachuuf mirga ni qaba.
16.6.Miseensi kamiyyuu, sadarkaan itti gaafatamaa
osoo isaa hin daangessin hamma Koree Giddu-Galeessaatti
ceephoo dhiheessuu fi deebii argachuuf mirga ni qaba.
16.7.Miseensi kamiyyuu, akkuma fedhii isaatiin
dhaabbaticha keessa seenuuf mirga qabutti, yeroo hin
barbaannes dhaabbaticha keessaa ba’uuf mirga qaba.
16.8. Miseensi kamiyyuu, sababii ga’aa fi murtii
qaama ilaaluutiin alatti hin adabamu. Adabni irratti murtaa’u
sirnummaa eeggatee qaama murteesseen miseensichaaf ni ibsama;
galmee abbichaa keessatti qabsiifamee akka taa’u ni taasifama;
miseensichis yaadasaa galmicharra ni kaa’a; murticharratti
komii yoo qabaates ol iyyata dhiheeffachuu fi deebii argachuuf
mirga qaba.
16.9. Miseensi kamiyyuu, akkaataa hojii fi
qajeelfama dhaabbatichaa hordofee, garaagarummaa siyaasaa qabu
miseensotaaf ibsuu fi ajandaa ta’ee sadarkaa dhaabbatichaatti
falmiin akka irratti gaggeeffamu akka taasifamuuf gaafachuu fi
yaa’iin ariifachiisaanis akka waamamu gaafachuuf mirga qaba.
16.10. Miseensi dhaabbatichaa kamiyyuu qorannoo fi
murtii galmee dhuunfaa keessatti barreeffamee taa’u beekuu fi
murtii galmeesaarratti barreeffameerratti yaadasaa
barreeffamaan dhiheessuufi galmeesaa wajjin akka wal qabatu
gochuuf mirga qaba.
16.11.Miseensi kamiyyuu, ramaddiin, jijjiirraa fi leenjiin
miseensotaa Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaarratti
hundeeffamee kan raawwatame ta’uusaa mirkaneeffachuuf mirga
qaba. Waan kanaan alatti raawwatameetu jira jedhee yoo amane,
komii yookiin himata isaa Komshiinii Too’annootiif ykn qaamota
hoggansaa sadarkaa sadarkaadhaan jiraniif dhiyeeffachuun
murtii argachuuf mirga ni qabaata.
Keewwata 17
Dirqamoota Miseensaa
17.1. Yeroo fi bakka kamittuu sagantaa Siyaasaa, Dmbii Ittiin
Bulmaaataa,Qajeelfamootaa fi Imaammatoota Dh.D.U.O.tiif
dhaabbachuu fi hojiirra oolinsa isaaniitiif qabsaa’uuf dirqama
qaba.
17.2.Sagantaa, tarsiimoo fi tooftaa, kallattiiwwan,
imaammatootaa fi qajeelfamoonni Dh.D.U.O.n ummata bal’aa
biratti sirriitti akka fudhataman gochuu fi miseensota
horachuuf dirqama qaba.
17.3.Kabajamuu eenyummaa ummata Oromootiif qabsaa’uu,
ilaalchota oftuulummaa, dhiphummaa fi maxxantummaa irratti
kutannoodhaan qabsaa’uu, dagaaginaa fi sabboonummaa
Demokraasummaa Oromootiif, kabajamuu mirgoota namoomaa fi
Demokraasii akkasumas kabajamuu faayidaa fi aadaa ummata
bal’aatiif qabsaa’uuf dirqama qaba.
17.4. Heera Mootummaa fi seeroota biraa naannoo keessa
jiranii fi biyyattiin ittiin bultu kabajuu fi akka kabajaman
qabsaa’uuf, roorroo diinaatii fi weerara alagaa nageenyaa fi
tokkummaa demokraasummaa Itoophiyaa fi ummata ishee miidhu
kamiyyuu qolachuuf dirama qaba.
17.5. Injifannoowwan ummanni bal’aan Oromootii fi
ummatoonni biyya keenyaa kanneen biraa qabsoosaaniitiin
goonfatan balaa kamiyyuurraa tiksuuf dirqama qaba. Gocha
obbolummaa fi waljaalala miseensota saba Oromootii fi
ummatoota biroo jidduu jiraachuu qabu miidhu raawwachuu hin
qabu. Akkasumas, yeroo fi bakka hundatti aantummaa ummatoota
cunqurfamaaf qabu mirkaneessuu qaba.
17.6.Dokmentootaa fi iccitiilee dhaabbatichaa fi addichaa,
akkasumas kan dhaabbattoota obboleewwan addicha jalatti
hiriiranii, akkasumattis qabeenyaa fi dokmentoota itti
gaafatama hojii mootummaarratti ramadameef akka itti
fayyadamuuf kennameef sirriitti eeguuf dirqama qaba.
17.7.Sagantaa dhaabbatichi baasuu fi kaka’umsa mataasaatiin
ga’umsa siyaasaasaa cimsachuuf, ogummaa, aadaa ummatummaa fi
Demokraasummaa qabu olguddisuuf, ceephoo fi ceepha’ama sirrii
ta’e adeemsisuuf, akkasumattiis haallan farra-ummatummaa
kamiyyuurratti qabsaa’uuf dirqama qaba.
17.8.Miseensi kamiyyuu tokkummaa demokraatawaa, qulqullummaa
fi cimina dhaabbatichaa eeguu qaba. Garee tokkummaa
dhaabbatichaa miidhu ummuun duwwaa dha. Miseensi kamiyyuu
ogocha diiggaa akkanaa saaxiluu fi irratti qabsaa’uuf dirqama
qaba.
17.9.Miseensi kamiyyuu, dhaabbaticha lootee galtuu fi miidhaa
diinaa irraa eeguuf dirqama qaba.
17.10.Miseensi qaama hoggansaa Dh.D.U.O.sadarkaa
kamiyyuurratti argamu kamiiyyuu, qabeenyasaa dhaabbatichatti
beeksisuuf dirqama qaba.
17.11.Miseensi kamiyyuu, malaaammaltummaa fi akkaataa hojii
loogiirratti hundaa’e ittisuuf, irratti qabsaa’uuf,
akkasumattiis saaxiluuf dirqama qaba.
17.12.Miseensi kamiyyuu,kallatti qabsoo demokraatawaa
hordofee,bifa jaallummaatiin nama ijaaruurratti hundeeffamee,
qorannoo hojiirratti yemmuu ceephuu dhiheessu, karaa haaloo
ba’uu fi akkaataa obsaan ala ta’e irraa fagaateen hirmaannaa
hoo’aa gochuudhaan, akkasumattiis odeefannoo fi hir’inasaa
qabatamaa fi sirrii ta’e kenuudhaan qabsaa’uuf dirqama qaba.
17.13.Miseensi kamiyyuu, buusii miseensummaa buusuuf
dirqama qaba.
Keewwata 18
Mirgaa fi Dirqama
Miseensa
Kaadhimamaa
18..1.Filannoowwan dhaabbaticha keessatti sadarkaa adda addaa
fi hojiilee garaagaraatiif adeemsifamanirratti mirga filamuu
fi filuu, akkasumas dhimmoota sagaleedhaan murtiin irratti
kennamurratti mirga sagalee kennuu kan hin qabne yoo ta’u
mirgoota biraa miseensa guutuuf kennaman hunda ni qabaata.
18.2.Yeroo miseensa kaadhimamaa itti ta’ee eegalee buusii
miseensummaa kafaluurraa eegalee dirqamoota miseensotaa hunda
raawwachuu qaba.
BOQONNAA SADII
QAJEELFAMOOTA WALIIGALAA
IJAARSAA FI HOJIMAATAA DHAABATA DEMOKRAATAWAA
UMMATA OROMOO (DH.D.U.O.)
Keewwata 19
Bu’uura
Qajeelfamoonni ijaarsaa fi hojmaataa Dh.D.U.O.
adeemsa demokraatawaa hordofuudhaan, walumaagalatti
ol-aantummaa ilaalcha demokraasii warraaqaa sadarkaa
sadarkaadhaan mirkaneessuu, keessumattuu immoo miseensota
jidduutti tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuudhaan miseensota
tokkoon tokkoon biratti kaka’umsi hojii fi kutannaan
kaayyoorratti qaban akka dagaagu gochuurratti kan
hundeeffamanii dha.
Kewwata 20
Qajeelfamoota Gurmaa’insaa
20.1.Qajeelfamni gurmaa’insaa Dh.D.U.O. waliin hojjechuu fi
itti gaafatamummaa dhuunfaa mirkaneessuudhaan tokkummaa
ilaalchaa fi gochaa miseensotaa dhugoomsuu kan dandeessisuu
dha.
20.2. Qajeelfamni gurmaa’insaa Dh.D.U.O.hirmaannaa miseensotaa
dammaqiinsa qabu mirkaneessuu kan dandeessisuu fi itti
gaafatamummaa fi iftoomni akka dagaagan godha.
20.3.Qajeelfamni gurmaa’insaa Dh.D.U.O.hanqinoota garaa garaa
maree demokraatawaadhaan, qorannaa fi ceephoo fi ceepha’amaan
sirreessuu kan dandeessisu ta’a.
20.4. Dh.D.U.O.dhaabbata miseensa Adda Demokraasummaa
Warraaqsaa Ummatoota Itoophiyaa (A.D.W.U.I.)ti.
Keewwata 21
Qajeelfamoota Walaitti
Dhufeenyaa
21.1. Dh.D.U.O. sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa A.D.W.U.I.
hanga fudhatetti dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’ee itti fufa.
21.2. Dh.D.U.O.n dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’ee hanga
itti fufetti sagantaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa A.D.W.U.I. ni
kabaja; hojii irra oolmaa isaatiifis ciminaan qabsaa’a.
Sochii hojii A.D.W.I.tiif akka oolu galii argatu irraa buusii
ni kafala. Haal raawwi isaa qajeelfama Faayinaansii
Dh.D.U.O.keessatti ibsama.
21.3. Dh.D.U.O.n dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’ee hanga
itti fufetti murteewwan qaamolee hoggansaa A.D.W.U.I. tiin
murtaa’an fudhatee hojii irra ni oolcha; yaada garaagarummaa
kan qabaatu yoo ta’e, waltajiiwwan seera qabeesaa fi
Dimokraatawaa ta’an hordofee ni qabsaa’a,
21.4. Dh.D.U.O.n dhaabbata miseensa A.D.W.U.I. ta’uusaa kan
addaan kutuu danda’u murtee yaa’ii Dh.D.U.O. qofaan ta’a.
Haalli akkasii yeroo uumamu akkaataa Dambii Ittiin Bulmaataa
A.D.W.U.I tiin dhaabbatoonni miseensota A.D.W.U.I ta’an biiroo
dhimmicha irratti akka yaada kennanuu fi yoo barbaadanis haala
isaan itti qabsaa’uu danda’an mijeesuuf dirqama qaba.
21.5 Dh.D.U.O.n miseensa A.D.W.U.I. ta’uu isaatiin,
qajeelfamoota daandiiwwan addichi ittiin hogganamu haala
qabatamaa naannoo isaatiin wal simsiisee hojii irra ni oolcha.
21.6. Dhaabbatichi addicha wajjinis ta’e dhaabbatoota
addicha jala jiran
wajjiniin walitti dhufeenya wal- qixxummaa irratti
hundaa’ee fi bilisa ta’e, akkasumas walitti dhufeenya
wal-gargaarsa adeemsa qabsoo demokraatawaa ta’e irratti
hundaa’e ni qabaata.
21.7. Dh.D.U.On miseensa A.D.W.U.I waan ta’eef,
murteewwan yookin ejjennoowwan A.D.W.U.I. keessattis ta’ee
dhaabbatoota miseensota A.D.W.U.I ta’an keessatti fudhataman
keessaa kan inni hin fudhanne yoo jiraate dhaabbata miseensa
A.D.W.U.I ta’uu isaatiin karaa walqabateen dirqamoota kabajuun
isa irraa eegamu utuu hin faallessiin, ejjennoo addaa kan
mattaa isaa qabachuu, miseensotasaa fi ummataaf ibsuuf
bilisummaan inni qabu eegamaadha.
Keewwata 22
Qajeelfamoota Akkaataa Murtiin Itti
kennamuu fi Itti gaafatamummaa
22.1 Qaamonni dhaabbatichaa sadarkaa hundaarratti
caaseeffaman kamuu murtii kan dabarsanu, ragaa qabatamaarratti
hundaa’anii falmii bilisaa fi gahaa ta’e erga adeemsisaniin
booda sagalee caalmaadhaan murteessuudhaan ta’a.
22.2 Yaanni murtiif dhiyaate tokko qajeelfama waliin
ittiin hogganaman ta’ee tajaajiluu fi qaama murteessee fi
qaamota isaa gadi jiranirratti raawwatamuu kan danda’u namoota
walga’icharratti argaman keessaa sagalee %50+1 yookoon sanaa
oliin deeggarsa yoo argateedha.
22.3 Walgahiin idilees ta’ee qaama kamiyyuu yeroosaa eegee
adeemsifamuu qaba. Walgahii qaama kamiyyuurratti mariin
adeemsifamuu kan danda’u, namoota walgahicharratti hirmaachuu
qaban keessaa harka sadi keessaa lama (2/3)yoo argamaniidha.
22.4 Walgahiiwwan idilee fi hatattamaa kamiyyuurratti
miseensonni argamuu qaban hundinuu argamuuf dirqama qabu.
Walgahii jalqabuudhaafis ta’ee erga walgahiin jalqabameen
booda lakkoofsi namaa walgahicha adeemsisuuf barbaachisu (kooramiin)
akka hir’atu gochuun dhowwaa dha. Akka kooramiin hin guunneef
jecha miseensi walgahii irraa hafe fedha isaatin dhaabbaticha
keessaa akka of gaggeesseetti lakkaa’amee guutummaa
kooramichaa shalaguufis miseensichi lakkoofsaan ala ta’a.
22.5 Akkaataa lakk.22.4 irratti ibsameen miseensi akka
fedha isaatiin dhaabbaticha keessaa of gaggeesseetti
lakkaa’ame sun akka kooramiin hin guunne akka hin godhin raga
qabu dhiyeessee dhimmichi akka ol- iyyannoodhaan ilaalamuuf
gochuu ni danda’a.
22.6 Ajandaawwanii fi barreeffamoonni mareedhaaf ka’umsa
ta’u jedhamanii yaadaman hamma danda’ametti walga’icha dura
hirmaattota walgahichaatiif kennamuu qabu. Qaboowwan yaa’ii
kan yaa’ii Dhaabbatummaatii fi Konfaransootaa barreeffamaan
kan qabamanu ta’ee sagalee hirmaattotaatiin erga ragga’een
booda mallattoo Dura Taa’aa fi Itti Aanaa Dura Taa’aan kan
mirkanaa’u ta’a. Qaboowwan yaa’ii walgahiiwwan biraa
barreeffamaan erga qabamaniin booda ragga’uun isaani kennaa
Sagalee fi mallattoo, miseensotaa waltajjichaatiin mirkanaa’uu
qaba.
22.7 Murtii qaama tokkoon kenname diiguu kan danda’u isuma
qaama murteesse san yookiin qaama ol aanaa dhimmichi ilaaluu
dha.
22.8 Namoonni muraasni murtii caalmaa sagaleetiin dabre
tokkotti hin amanne yaada sagalee baayyeen dabre hojiirra
oolchaa, mormii isaanii Dambii Ittiin Bulmaataa dhaabbatichaa
hordofanii qaama dhimmichi ilaaluuf dhiyeessuudhaan qabsaa’uu
ni danda’u.
22.9 Yaadni murtii kamiyyuu miseensota walitti qabaman
keessaa 1/3 kan ta’aniin irra deebi’amee akka ilaalamu yoo
gaafatame gaaffiin irra deebi’amee haa ilaalamu jedhu mariif
banaa ta’a.
22.10 Namoota walgahiicharratti hirmaatan keessaa %50+1
yookiin sanaa ol kan ta’an irra deebi’amee ilaalamuu qaba
jedhanii yoo murteessaan dhimmichi irra deebi’amee ilaalamee
murtaa’a.
22.11 Gaaffiin irra deebi’amee haa nuuf ilaalamu jedhu akka
kanaa olitti eerametti dhiyaachuu kan danda’u, yeroo qaamni
murteesse walga’iirra jiru ta’ee afaaniin yookiin
barreeffamaan dhiheessuun kan danda’amu yoo ta’u, erga qaamni
murteesse addaan bittinnaa’ee booda yoo ta’e immoo barreeffama
qaama murticha dabarse keessaa harki 1/3ffaan irratti
mallatteessee qofaan ta’a. Mallattoodhaaf jedhamee
barreeffamni diriirfamu sun miseensota walgahicha irratti
hirmaatan hundaa akka qaqqabu erga godhameen booda namni itti
amane qofti akka mallatteessu godhamuu qaba.
22.12 Murtii waltajjii tokkorratti darberratti iyyanni
dhiyaate, waltajjichuma sanarratti yoo fudhatama argachuu
baate dhimmuma sanarratti himanni itti deddeebi’amee hin
dhiyaatu. Ta’us, murticha hojiirra oolchaa walgahii adeemsaan
taasifamurratti yookiin mallattoo barreeffamaa waliin
qabudhaan iyyata dhiheeffachuun danda’ama.
22.13 Hojiiwwan adda addaa kan dhaabbatichaa gamtaan
raawwataman koreewwan kaayyoo kanaaf sadarkaa sadarKaan
hundeeffamaniin kan hogganaman ta’u.
22.14 .Koreewan hoggansa sadarkaa adda addaa irra jiran itti
waamamni isaanii qaama isaan filateef yookiin qaama isaan
ramadeef, akkasumas qaamota ol- Aanaadhaaf ta’a.
22.15 .Qaamoleen hoggansaa sadarkaa adda addaa irra jiran
murteewwan waliiwajjin murteessan hundaaf akka qaamaatti
walqixa itti gaafatamaa ta’u. Miseensonni murticha deeggaran
itti gaafatamummaa akka qaamaatti qabanutti dabalee
dhuunfaadhaanis itti gaafatamaa ta’u.
Keewwata 23
Qajeelfama Qorannaa fi Ceephoo fi
Ceepha’amaa
23.1Qorannaa, ceephoo fi ceepha’amni hojmaata dhaabbataa,
dhaabbanni keenya muuxannoo cimaa fi dadhabinaa irraa barachaa
ofcimsaa akka adeemu godhuudha. Qaamotaafi miseensonni
dhaabbatichaa hundi yeroo karoora qopheessan raawwannaa
karoora dabree sirriitti qorachuutu irraa eegama.
23.2Qorannaan, odeeffannoo gahaa fi hojiirratti hundeeffamee
gabaasa ka’uumsaaf qophaa’e irratti hundaa’ee kan adeemsifamu
ta’a.
23.3Qorannaan hojii malee nama jiddu-galeessa kan godhatu
ta’uu hin qabu. Waltajjiiwwan qorannaa akkuma waltajjiiwwan
dhaabbatichaa kamiyyuutti bilisaa fi demokraatawaa ta’uu qabu.
23.4Ceephoo fi ceepha’amni, hojimaata dhaabbataa dogoggoroota
qaamota dhaabbatichaa keessatti mul’atan sirreesuuf jedhamee
kan adeemsifamuu dha. Qaamoota fi miseensonni raawwannaa
karoorasanii erga qoratanii booda ceephoo fi ceeph’amaan
xumuruu qabu.
23.5 Qorannaa fi ceephoo, ceepha’ama yeroo ramadameef
keessatti adeemsifamuun alatti, yeroo barbaachisaa ta’e
kamittuu adeemsisuun ni danda’ama.
BOQONNAA AFUR
WAA’EE
DIRQAMA BAHUU DHABUU FI
AKKAATAA RAAWWANNAA ADABAA
Keewwata 24
Waa’ee
Dirqama Bahuu Dhabuu
Miseensi kamiyyuu, bu’uura Dambii Ittiin Bulmaataa
dhaabaatiin gaafa miseensa ta’ee eegalee, mirgaa fi dirqama
qaba. Akkaatuma kanaaniis, miseensichi dirqama irraa eegamu
yoo raawwachuu baate adaba maluu fi maluu fi madaalawaa ta’e
adabamuu ni danda’a.
24.1.Akaakuuwwan Addabbii
Miseensi balleessaa raawwachuunsaa mirkanaa’e
akkaakuwwan adabbii kanatti aanan keessa isa tokkoon adabamuu
ni danda’a.
A. Of-eeggannaa afaanii,
B. Of-eeggannaa afaanii yookiin barreeffamaa,
C. Of-eeggannaa Barreeffamaa,
D. Miseensicha,mirgoota dhaabbattummaa argatee rraa
ittisuu,
E. Miseensa kaadhimamaa yoo ta’e yeroo
kaadhimamummaa isaa dheeressuu,
F. Miseensa kaadhimamummaasaa haquu,
G. .Miseensa guutuurraa gara miseensa kaadhimamaa
tti gadi buusuu,
H. Ittigaafatamasaarraa gadi buusuu,
I. ttigaafatamarraa kaasuu (maqsuu),
J. Yeroo murtaa’eef miseensummaa irraa ittisuu,
K. Miseensummaa dhaabbatichaarraa maqsuu,
24.2. Miseensichi akkuma balleessaa inni rawwatetti,
adaba gosa tokko yookiin adabbiilee adda addaa walitti
dabalamaniin adabamuu ni danda’a.
24.3.Dhaabbaticha keessatti, adabbiin ol-aanaan
dhaabbatichaarraa maqsuu dha. Badiiwwan adabbii kanaan nama
adabsiisanis:
A. Sagantaa fi tarsiimoo kan dhaabbatichaatiin ala ta’e
qabatanii hojiirra oolchuuf yaaluu, yookiin garaagarummaan
sagantaa fi tarsiimoo dhaabaatichaarratti qabu tattaaffiin
irra deddeeebi’amee erga taasifameen booda tasuma walitti
dhiyaachuu yoo dadhabee,
B. Malaammaltummaa raawwachuu,
C. Hir’ina naamusaa irra deddeebi’amee mul’atee fi cimaa
ta’e, akkasumas dirqama hojii kennameef raawwachuudhaaf fedha
dhabuu,
D. Dhaabbaticha keessatti garee uumuu,
E. Gocha farra-Demokraasii cimaa ta’e raawwachu fi,
F. Ji’a 6 walitti aansanii buusii miseensummaa
dhaabbatichaa kafaluu dhabuu dha.
24.4. Namni miseensummaa Dh.D.U.O. irraa ari’ame iddoo
kamittuu Dh.D.U.O. bakka hin bu’u
Keewwata 25
Akkaataa Raawwannaa Adabaa
25.1 Adabbiin kan murteeffamu akkaataa seera
ittiin bulmaataa fi qajeelfama Dh.D.U.O. tiin qaamota mirgi
kennameef qofaan ta’a.
25.2 Tarkaanfii adabbii akka fudhatu qaamni dambii kanaan
mirgi kennameef, akkaataa dambii kanaan hayyamameen alatti yoo
tarkaanfii fudhate innis akkaataa dambichi hayyamun qaama isaa
ol jiruun tarkaanfiin irratti fudhatama.
25.3 Miseensonni adabaman himata isaan irratti dhiyaate beekuu,
nuti balleessaa hin raawwanne jedhanii yoo amanan ragaawwan
isaanii dhiyeeffatanii mirga falmachuu ni qabaatu.
25.4 Miseensa adabbiin irratti murtaa’e tokkoof, himata isa
irratti dhiyaate, adabbii isarratti murtaa’e, qaama irratti
murteesse kan agarsiisu ibis barreeffamaa kennamuufii qaba.
Garagalchi barreeffama kanaa galmee miseensichaa keessa
kaa’amuu qaba. Miseensichis adabbii irratti murtaa’e
ilaalchisee yaada qabu barreeffamaan murtee adabbii isaa
wajjin wal qabatee akka taa’uuf gochuuf mirga ni qaba.
25.5 Miseensi murteen sirrii hin taane narratti murtaa’eera
jedhu tokko sirna ol-iyyannoo Dambii Ittiin Bulmaataa fi
tarreeffama qajeelfamoota Dh.D.U.O.bu’uureffachuudhaan mirga
murticha mormuu fi mirga ol-iyyachuu ni qabaata.
25.6 Miseensi kamiyyuu, miseensa kan biraa irratti murteen
sirrii hin taane murtaa”eera jedhee yoo amane, hayyama
miseensichaa irratti hundaa’uudhaanis ta’e hayyama isaatiin
alatti, bu’uura seerri ittiin bulmaataa fi qajeelfamonni
hojiimaata Dh.D.U.O.hayyamuun flamufis ta’e mormuuf mirgaa fi
dirqama ni qabaata.
25.7 Qajeelfamoonni tarreeffamaa adabbiin ittiin raawwatamu
qajeelfamoota armaan olitti 25.1 – 25.6 tti ibsaman ka’umsa
godhachuudhaan Koree Giddu-galeessa Dh.D.U.O tiin ba’u.
BQQONNAA SHAN
CAASAA
DHAABBATUMMAA
Keewwata 26
Bifa Caaseeffamaa
26.1Bulchiinsa Mootummaa fi caasa hojii naannoo Oromiyaa
keessaa jiru Hordofee, qaama hoggansaa ol-aanaa sadarkaa giddu
galessaatti argamuu kaasee hamma qaama hoggansaa gadaanaa
jechuunis hamma Maandheetti yookiin seeliitti kan caaseeffaman
qaamoota hoggansaa kan qabu yoo ta’u, isaanis:-
26..1. Yaa’ii Dhaabbatummaa;
26.1.2. Koree Giddu-Galeessaa;
26.1.3. Koree Hojii-raawwachiiftuu;
26.1.4. Durtaa’aa Dh.D.U.O
26.1.5. Itti –aanaa Durataa’aa Dh.D.U.O;
26.1.6. Komishinii To’annoo Giddu-galeessaa;
26.1.7. Koree Dhaabaa
26.1.8. Waajjira Koree Giddu-Galeesaa;
26.1.8.1.Qajeelcha sub-qunamtii Dh.D.U.O.
26.1.8.1.1: Qajeelcha Ijaarsa Dh.D.U.O.
26.1.8.1.2. Qajeelcha Bulchiinsa Humna Namaa fi
Qabeenyaa Dh.D.U.O.
26.1.8.1.3. Liigii Dargaggoo Dh.D.U.O.
26.1.8.1.4. Liigii Dubartootaa Dh.D.U.O.
26.2. Gurmaa’ini waliigalaa armaan olitti ibsame akkuma
eegametti ta’ee sadarkaa Godinaa fi Aanaatti sub-qunamtii fi
Ijaarsi Dh.D.U.O. ni jiraatu.
26.3. Waajjiri Dh.D.U.O. Godinaa fi Aanaa haaluma
wal-duraa duubaatiin kan hoogganamu Ittigaafatama sub-qunamtii
Godinichaa fi Aanaatiin ta’a.
26.4.Sadarkaa Hundee Dhaabaatti konfransiin Dhaabaa
ni jiraata.
26.5. Hundee Dhaabaa gaditii Ijaarsi maandhee (seelii)
ni jiraata.
Keewwata 27
Yaa’ii Dhaabbatummaa
A. Hundeeffama
1. Yaa’iin Dhaabbatummaa bakka bu’oota miseensota
dhaabbatichaa hunda keessaa karaa bilisaa fi demokraatawaa
ta’een filamaniin kan hundeeffamu ta’a. Yaa’iin yookiin
kooramiin guutamee adeemsifamuu danda’a kan jedhamu miseensota
yaa’ichaa keessaa 2/3 harka sadi keessaa lama yoo argamaniidha.
2.Yaa’iin Dhaabbatummaa waggaa lamaa hanga waggaa lamaaf
walakkatti al tokko kan adeemsifamu yoo ta’u, miseensonni
yaa’ichaa abbaa sagalee ta’anis hanga bara hojiisaanii kana
xumuranitti miseensota yaa’ii dhaabbataa ta’anii itti fufu.
3. Kana gidduutti yaa’ichaaf miseensa dhaabbataa kan ta’an
keessaa kan ari’aman, kan ittifaman, kan du’an yookiin sababii
adda addaatiin kan hir’atan yoo jiraatan kallatta dhaan
miseensummaa yaa’ii dhaabbataa keessaa haqamu. Qaama isaan
filatu nama biraa filee bakka isaanii buusa.
4. Yeroo murtaa’aa yaa’iin idileen itti adeemsifamu qabu
keessatti haalli yaa’icha waamuu hin dandeessifne yoo uumame,
Koreen Giddu Galeessaa haalicha ilaaluudhaan hanga ji’a ja’aa
dheeressuu ni danda’a. Haaluma kamiinuu yaa’icha yeroo dambii
kanaan murtaa’e caalaa dheeressuun hin danda’amu.
5. Yeroon yaa’ichi itti adeemsfamu osoo hingeenye dura
yaa’iicha waamuun barbaachisaa ta’ee yoo argame, Koree
Giddu-Galeessaan yaa’iin ariifachiisaan waamamuu ni danda’a,
filannoo haaraan yaa’ii ariifachiisaaf jecha adeemsifamu hin
jiraatu, kan moggaafamu yaa’ii isa dhaabbataatiin ta’a.
6. Miseensi yaa’iin ariifachiisaan akka waamamu barbaadu,
gaaffisaa Koree Giddu-Galeessaaf dhiyeessee yoo fudhatama
dhabe, gaaffiicha qaama ofiisaatiif keessa jiruuf dhiyeessee
sagalee 1/3ffaa ta’een
deeggarsa argachuu fi qaamota ol-aanoo sadarkaa adda addaarra
jiraniifis dhiyaatee degersa kana fakkaatu argachuu qaba.
7. Gaaffiin haala kanaan deeggarsa argatee darbe, Koree
Giddu-Galeessi gaafficha dhiyaate sababiisaa waliin miseensota
hundaaf akka diriiru godhee, miseensota hunda keessaa sagalee
%50+1 yookiin sanaa ol deggarsa yoo argatee yaa’ii
ariifachiisaan akka waamamu godha.
8. Murtiin dhaabbatummaa sagalee caalmaatiin kan dabru
ta’a.
B. Aangoo fi Itti gaafatama Yaa’ichaa
1. Sagntaa fi ittiin bulmaata dhaabbatichaa,
akkasumas karooroota ol-aanoo waggaa lamaa ykn hanga yaa’ii
itti aanuutti tajaajilu ni raggaasisa.
2. Tarsiimoo fi tooftaa dhaabbatichi ittiin
hogganamu ni murteessa.
3. Koree Giddu-Galeessaa fi Komishinii To’annaa
Giddu-Galeessaa ni fila, ni mulqa, gabaasota Koreefi
Komishinaa filatee kanaan dhiyaataniif ni dhageeffata; ni
qorata; dhimmoota ol-aanoorrattis murtii ni kenna.
4. Walitti dhufeenyi dhaabbatichi dhaabbatoota
demokraatawaa ta’an kanneen biraa wajjiniin godhu akeeka
(principle) akkamiirratti hundeeffamee adeemsifamuu akka qabu
ni murteessa. Waliigalteewwan taasifaman ni
qorata; ni raggaasisa, ni diiga.
5. Yaa’iin dhaabbatichaa
pireezidiyeemii miseensota yaa’ichaatiin filameen kan
hogganamu yoo ta’u qophii fi tarreeffamni yaa’ichi ittiin
hogganamu Koree Qopheessituu yaa’ichaatiin kennama.
Keewwata 28
Koree Qopheessituu
Yaa’ii
A. Hundeeffama
1. Yaa’iin idilee fi yaa’iin hatattamaa
kan qophaa’u Koree Qopheessituu Yaa’ii Koreen Giddu-Galeessaa
fi komshiinii Too’annoo Giddu Galleessa of keessaa hundeessun
ta’a.
2. Yaa’iin ariifachiisaan miseensotaan
yookaan Komishinii To’annaatiin waamamu kan qophaa’u Koree
Qopheessituu yaa’ii namoota miseensota dhaabbatichaa hunda
keessaa filamanii fi Koree GidduGaleessaa fi Komishinii
To’annaa Jiddu galeessaatin bakka buufamaniin murteeffama.
3. Lakkoofsi miseensota Koree Qopheessituu,
yaa’ii walgayii waliin Koree Giddu-Galeessaattii fi komishinii
to’annaa Jiddu galeessaatiin murteeffama.
B. Aangoo fi Itti gaafatama
1.Qophii yaa’ichaa ol-aantummaan hooggana.
2. Lakkoofsaa fi walkeessummaa hirmaattootaa ni murteessa,
Koree Giddu-Galeessaa fi waliigala miseensotaa irraa ajandaa
qophi yaa’iitiif barbaachisu fudhachuudhaan qophiin akka
gaggeeffamu godha.
3. Miseensota ramaduudhaan qophii ajandaa
yaa’ichaarratti godhamuuf qophiin barreeffamaan akka taasifamu
ni godha.
4. qophii yaa’ichaa ilaalchisee Koree
Giddu-Galeessaa waliin wal gargaaruudhaan ni hojjata.
5. Hojiisaa ilaalchisee yaa’iidhaaf gabaasa ni dhiyeessa,
prezidiyemii ni filachiisa.
6. Yaa’ichi yemmuu xumuramu hojiin Koree qophii yaa’ichaa ni
xumurama.
Keewwata 29
Koree Giddu-Galeessaa
A. Hundeeffama
1.Koreen Giddu-Galeessi qaama hoggansaa yaa’ichaan
hundeeffamuu dha. Qaamni hoggansaa kun miseensota dhaabbatoo
qofaan ijaarama. Lakkoofsi Koree jiddu galleesaa yaa’iidhaan
murtaayaa.
2. Filannoon koree jiddu galeessaa kan gaggeeffamu koreen
filachiiftuu yaa’ii keessaa hundeeffamuun ykn eeruu koreen
pirezidiyeemii erga fuudhateen booda ta’a. Namin koree jiddu
galleesaatiif eeraame tokko sadarkaa eeruutti sagalee
deegarsaa miseensoota yaa’ii keessaa harka sadi keessa tokko
(1/3) argachuu qaba.
3. Koree filachiiftu keessaa namn koree jiddu galleessaatiif
eerame tokko nama biraatiin bakka bu”uu qaba.
4. Namn Koree filachiiftuu ta’ee filatame tokko koree jiddu
galleesaatiif filatamuu ni danda’a.
5. Walgahiin idilee Koree Giddu Galeessaa kan adeemsifamu
ji’a ja’atti (6) ta’a. Qorannoon hojiitii fi murtiiwwan
walgahii idilee ji’a ja’atti (6) adeemsifamuu sadarkaa
sadarkaan miseensotaaf ni bu’a. Akkasumas Miseensota Koree
Hojii-raawwachiiftuu yookiin Koree Giddu-Galeessaa harka sadii
keessaa lama (2/3) yoo gaafatan walgahii ariifachiisaan
waamamuu ni danda’a.
6. Walgahiin adeemsifamuu kan danda’u, miseensota keessaa
harka sadi keessaa lama(2/3)yemmuu argaman yoo ta’u murtiinis
sagalee caalmaan dabra.
B. Aangoo fi Itti
gaafatama
1. Itti waamamnisaa yaa’ii dhaabbatichaatiif ta’ee yaa’iiwwan
lamaan jidduutti qaama hoggansa dhaabbatichaa ta’uudhaan
hojiiwwan, qaamootaa fi miseensota dhaabbatichaa ni hoggana.
2. Karoora tarreeffamaa baasuudhaan murtiiwwan yaa’iin
dhaabbatichaa dabrse ni raawwata, ni raawwachiisa, hojiirraa
oluusaanii ni to’ata. Hoggansa tarsiimoo fi toftaa ni kenna.
3. Akkaataa murtiiwwan yaa’iidhaan dabraniin faallaa hin
taaneen karoorota, imaammatootaa fi qajeelfamoota Wayyaawaa
ta’an ni baasa, niraawwata, ni hordofa. Ejjannoowwanii fi
imaammatoota haalaan haaraa ta’an ilaalchisanii ba’anirratti
miseensonni duraan dursanii akka yaada kennanii fi akka
gabbisan ni taasisa.
4. Qabeenya, mallaqaafi human namaa dhaabbatichaa
ol-aantummaan ni hoggana, ni bulcha, baajata waggaatiis ni
murteessa.
5. Dhaabbaticha bakka bu’uudhaan mootummaa fi dhaabbattoota
waajjin akkasumas qaamoota 3ffaa wajjin
wal-qunnamtii ni godha.
6. Boordiin Eeditoriyaalaa Gaazeexoota ADWUI, boordii
7. Gaazexaa Oromiyaas akka ta’u ni fudhata.
8. Gulaalaa Gaazexaa Oromiyaa ni ramada.
9. Barbaachisummaasaa qorachuudhaa, akkuma sadarkaa guddinaa
dhaabbatichaa fi haala qbatamaa naannichaatti karaa mijjaa’aa
ta’een dhaabbaticha ni caaseessa. Caasaa dhaabatichaa yeroo
yeroon qoratee ni sirreessa, caaseeffama haaraas hojiirra ni
oolcha, akka hojiirra oolus ni godha.
10.Miseensota sababii adda addaatiin miseensummaa Koree
Giddu-Galeessaatiin turuu hin qabne hang yaa’ii itti aanuutti
ni’ittisa.
Murtichi hojiirra kan ooluus, Koree Giddu-Galeessa
sagalee harka sadii keessaa lama (2/3) ta’een yoo
murtees’eedha. Miseensicha ittisame ilaalchisee sababiisaa
wajjin miseensota ni beeksisa. Akkaataan lakkoofsi miseensota
Koree giddu galeessaa sababii adda addaatiin hir’achuu itti
danda’uufi haalli sababii ittifamuutiin itti hir’atu jiraachuu
danda’us lakkoofsi miseensotasaa harka sadii keessaa lama
(2/3) gadi bu’uu hin qabu. Yoo kun ta’e yaa’ii ariifachiisaa
waamee filachiisuu qaba.
11. Miseensota Koree Hojii-raawwachiiftuu, Dura Taa’aa fi
Itti
Aana Dura Taa’aa Koree Giddu- Galeessaa
ni filata.
Barbaachisaa ta’ee yoo argame ni geeddara,
ni mulqa,
murtiisaatiis miseensotatti ni beeksisa.
12. Miseensota Koree
Hoji-raawwachiiftuu filachuu dhaa Koree- hojii
raawwachiiftuu dhaabbatichaa ni hundeessa.
13. Miseensota Koree
Giddu-galeessaa keessaa Mana Maree A.D.W.U.I. tiif miseensota
abbaa sagalee ni filata, yeroo barbaachisaa ta’etti ni mulaq,
bakka ni buusa.
14. Ramaddii miseensota Koree Hojii
raawwachistuu Godinaa fi Aanaa ni raawwata.
15. Koreen Jiddu Galeessaa miseensotasaa
Koreewwan adda addaa keessatti ramaduudhaan hojii addaan
qooddatee ni raawwata. Miseensi Koree Giddu-Galeessaa kamiyyuu
iddoo hojii fi ramaddii Koree Giddu-Galeessaatiinis ta’e Koree
Hojii-raawwachiiftuutiin kennamaniif fudhatee hojjachuu qaba.
16. Hojiisaa ilaalchisee yaa’ii
dhaabbatichaatiif gabaasa ni dhiheessa.
Keewwata 30
Koree Hoj-Raawwachiiftuu
A) Hundeeffama
1. Koreen Hojii-raawwachiiftuu DH.D.U.O. miseensota
dhaabbatoo Koree Giddu-Galeessaa keessaa filataman kan
qabaatuu dha.
2. Walgahiin idilee Koree Hojii-raawwachiiftuu ji’atti al
tokko kan adeemsifamu yoo ta’u, walgahiin adeemsifamuu kan
danda’u miseensota keessaa harka sadii keessaa lama (2/3) yoo
argamani dha. Murteenis sagalee caalmaan murtaa’a.
3. Dura Taa’aa fi, Itti Aanaa Dura Taa’aan Koree
Giddu-Galeessaa, walduraa duubaan walitti qabaa fi Itti Aaana
walitti qabaa Koree Hojii Raawwachiistuu ta’u.
B) Aangoo fi Ittigaafatama
1. Itti waamamnisaa Koree giddu-Galeessaatiif yoo
ta’u, hojiilee qaamotaa fi miseensota dhaabbatichaa hunda
ol’aantummaan ni hoggana, ni bulcha.
2. Hojiirra ooliinsa karoorota, murtiiwwaniifi imaammatoota
Koree Giddu-Galeessaatiin ba’an ni hordofa, ni to’ata.
3. Ajandaalee walgahiiwwan Koree Giddu-Galeessaa ni qopheessa.
Barbaachisaa ta’ee yemmuu argamu yookiin yoo gaafatamu
walgahii ariifachiisaa Koree Giddu-Galeessaa ni waama.
4. Hojiisaa ilaalchisee walgahii Koree giddu-Galeessaatiif
gabaasa ni dhiheessa. Ramaddii hojii miseensotaa fi Koree
Giddu-Galeessaa ni murteessa.
Keewwata 31
Dura Taa’aa Dhaabbatichaa
1. Walgahiiwwan Koree Giddu-Galeessaatii fi Koree
Hojii-raawwachiiftuu dura taa’ummaadhaan ni
hoggana.
2. Karooronni, imaammatootaa fi murtiiwwan dhaabbatichaa
akkaataa Koree Giddu-Galeessaa fi Koree
Hojii-raawwachiiftuutiin murtaa’etti hojiirra ooluusaanii ni
hordofa.
3. Itti waamamnisaa Koree Giddu-Galeessaatiif ta’ee yeroo
walgahiiwwan Koree Hoji-raawwachiiftuu jiddu jiru keessatti
hojiilee fi qaamota dhaabbatichaa ol’aantummaan ni hoggana.
4. Dhaabbaticha bakka bu’uudhaan qaamota adda addaa wajjin
walqunnamtii ni godha.
5. Walgahii idilee fi ariifachiisaa Koree hoji-raawwachiiftuu
ni waama
6. Hojiisaa ilaalchsee Koree hoji-raawwachiiftuuf gabaasa ni
dhiheessa.
7. Akkaataa Dambii Ittiin Bulmaataatiin murtaa’etti
walgahiiwwan Koree Giddu-Galeessaafi Koree hoji-raawwachiiftuu
dhaabbatichaa ni waama.
8. Walgahiin ariifachiisaan Koree Hoji-raawwachiiftuu sagalee
harka sadii keessaa lama (2/3) ta’een yemmuu gaafatamu ni
waamama. Ofiisaatiifis walgahii ariifachiisaa Koree
Hoji-raawwachiiftuu waamuun barbaachisaa dha jedhee yoo itti
amane waamuu ni dhanda’a.
Keewwata 32
Waajjira Dhaabbaticha
32.1. Waajjira Giddu Galeessaa Dh.D.U.U.
32.1.1. Gurmaa’inaa fi Hojimaata Waajjirchaa
A. Waajjirri Koree Giddu-galeessa Dh.D.U.O
waajjira Mummichaa dhaabbatichaa tti
B. Waajjiricha kan geggeessu Koree Giddu
galeessa
keessaa kan ramadamu Ittigaafatamaa
sub- qunamttiitiin ta’a
C. Waajjirichi kutaalee hojii adda addaa of jalaa ni
qabaata.
32.1.2. Itti gaafatamuummaa fi hojiilee Sub-Qunamatii
A. Ittigaafatamaan sub-qunamtii itti waamamni
isaa Dura taa’aa Dhaabbatchaatiif ta’a.
B. Hojii Sub-Qunamtii ni karoorsa, qaama dhimmi
ilaalutti dhiyeesee yoo mirkanaa’u hojii irra ni oolcha.
C. Waajjira Dh.D.U.O. ni hooggana.
D. Hojii Ijaarsaa, Liigii Dargagoo, Liigii Dubartootaa fi
Bulchiinsa Humna namaa fi qabeenya ni qindeessa ni hooggana.
E Godinaalee wajjiin wal-qunamti ni qabaata.
F. Gabaasa raawwannaa hojii sub-qunamtti fi Ijaarsaa
akkasumas qaamota Dh.D.U.O. ta’an irraa wajjirichaaf dhiyaatan
cuunfee Dura ta’aa dhaabbatiichaatiif barreeffamaan ni
dhiheessaa.
32.2. Ittigaafatamummaa fi Hojiilee Ittigaafatamaa Bulchiinsa
Humina Namaa fi Qabeenya Dh.D.U.O.
A. Walga’ii Koree Giddu-galeessaa fi hojii raawwachiiftuu
akka waamamuu yeroo murtaa’u waamiicha ni dabarsaa, ajandaa
wal-ga’ii ni rabsaa, qaboo yaa’ii ni qaba.
B. Chaappaa fi sanadoota dhaabbatichaa ni qaba.
C. Baajata waggaaf barbaachisu qopheessee qaama
dhimmi ilaaluun akka mirkannaa’u ni godha.
Baajata waggaaf eyyamamaaf fiqabeenya
dhaabbatichaa ni bulcha.
D. Caaseeffama, hojmaata, humna namaafi
qabeenya
waajjirichaa yeroo yeroon qoratame
hojirra akka
oolu ni socha’a yeroo murtaa’us hojiirraa
ni olcha.
F. Raawwii Hojii isaa kan ji’a sadii fi kan
waggaa Dura
taa’aa fi sub-qunamtiif ni dhiyeesa.
32.3. Waajjira Sub-Qunamttii Dh.D.U.O.
|