Ayyaana Hundeeffama Dh.D.U.O Waggaa 18ffaa Sababeeffachuun ibsa Dhaabbatummaa Koree Giddugaleessa Dh.D.U.O irraa kenname

Ummanni Oromoo osoo sirna nafxanyaa jalatti hin kufin dura ummata sirna Gadaatiin of bulchaa turee fi ummata aadaa, seenaa fi qooqa ofii qabatee sabaa fi sab-lammoota biyya keenyaa hunda waliin nagaan jiraachaa tureedha.

Eenyummaan sabummaa isaa kan ittiin ifu mallattoo isaa kan ta'e aadaa, seenaa, qooqa isaa akka dhabuu fi madda qabeenyaa isaa kan ta'e lafaa fi qabeenya horate hunda gita bittootaaf dirqamee akka laatu waan taasifameef biyya ofii keessatti akka lammii lammataatti lakkaa'amee jiraachuuf dirqame.

Ummanni Oromoo humna weereraa Nafxanyaatiif hin jilbeenfadhu jedhee mirga isaa kabachiisuudhaaf waggoota hedduudhaaf walitti fufiinsaan waraana wareegama guddaa gaafatu gageessaa tureera.

Ummatichi mirga isaa kabachiiffachuuf jedhee akka hin dubbannee fi qabsoo isaa ukkaamsuuf sirni nafxanya ture gochaawwan suukaneessaa ta'an kan akka harma muraa fi naf-saala muruu calanqoo fi Annoolee irratti raawwatamu illee qabsoo ummatichaa caalumaatti kan finiinse malee duubatti kan deebise hin turre.

Cunqursaan biyyooleessaa fi dhiibbaan sabummaa yeroo baballachaa fi bifa isaa geeddaraa sadarkaa hammaataatti ce'aa deemetti qabsoon farra nafxanyummaa hin dhabbanne ture. Qabsicha bifa bittinaa'aa ta'e irraa gara qindaa'aa fi gurmaa'aa ta'etti akka hin ceeneefi mormii fi roorroo ummatichaa ukkaamsuuf humna loltuu sirnichaatiin yaaliin godhamus qabsicha duubatti deebisuun gonkuma hin danda'amne.

Seenaa qabsoo Oromoon biyya kana keessatti adeemsisaa ture keessatti dhaabbileen siyaasaa adda addaa ummata Oromoo bakka buuna jedhan uumamanii turan illee bifa qulqullummaa qabuun karoorfamee kallattii ummata hirmaachisuufi aarsaafi wareegama qabsichi gaafatu kaffalanii qabsicha fuula duratti tarkaanfachiisuu hin dandeenye turan.

ABO fi fakkaattooti isaa garaa garaas seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti warra wareegama qabsichi gaafatu kaffalanii ummaticha abbaa injifannoo taasisan otuu hin taane, alaalaan ibsa kennuu qofaadhaan warra qabsoo ummatichaa caalumaatti duubatti harkisan akka turan beekamaa dha.

Qabsoon farra nafxanyummaa godhamaa ture harki caalaan isaa bifa bittinaa'aa kan qabu yoo ta'e illee, karaa gurmaa'aa ta'een qindeessanii hogganuu dhaan qabsoo ummata Oromoo kana gara sadarkaa ol'aanaatti ceesisee dhaabbanni siyaasaa giddu-galeessaa hooggansa sirrii ta'e kennee injifannoo gonfachiisu uumamuun murteessaa waan tureef Dh.D.U.On  seenaa qabsoo Oromoo keessatti dhalate.

Dh.D.U.On qabsoo ummata Oromoo gara sadarkaa ol'aanaatti ceesisee ummaticha injifannoo gonfachiisuudhaaf hanqinoota qabsoo Oromoo qoratee, addaan baasee dhaaba qabsoo hidhannoo siyaasaa eegale ture. Qabsichi qabsoo ummatummaa akka ta'uu fi hoggansa siyaasa giddu-galeessa tokko irraa kennaa, aarsaa qobsoon yeroo sana gaafatu hunda kaffalee ummaticha injifannoo gonfachiisuudhaaf adda durummaan hiriiree qabsoo hadhaa'aa fi wareegama guddaa booda dhaaba injifannoo dhaaf dhaqqabee dha.

Kana waan ta'eef ayyaanni hundeeffama Dh.D.U.O waggaa 18ffaa qabsoo dhaabbatichi waggootaaf taasisee fi injifannoowwan kallatii hundaan argamsiise yaadachuudhaaf. Dhaabbatichi kaayyoo ummatummaa qabate galmaan gahuuf sochii taasise, sadarkaa irra gahe sirriitti xiinxaluu fi gara fuula duraas itti gaafatamummaa isaa haala gahumsa qabuun bahuuf waadaa gale haaromsuuf carraa gaarii waan ta'eef xiyyeeffannoo addaa ni kennaaf.

Keessaahuu, ayyaanni hundeeffama Dh.D.U.O baranaa kun yeroo seena qabeessa ta'eefi adda ta'e keessatti kan kabajamu waan ta'eef miseensotaa fi deggartoota dhaabbatichaa, akkasumas toora dhaabbaticha biraa hiriiranii socho'aa kan jiran ayyaana kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuun kan kabajanii dha.

Ayyaanni hundeeffama Dh.D.U.O bara kanaa kan kabajamu gara bar-kumee haaraatti yeroo itti tarkaanfanneefi yeroo haaroomsi biyya keenya Itoophiyaa itti dhugoome ta'uu isaa fi seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo guddinni misooma dinagdee biyyaa keenyaa yeroo 5ffaaf galmaahetti ta'uu isaati fi akkasumas seenaa ummata Oromoo keessatti kan jalqabaafi xiyyeeffannaan addaa kan kennamuuf siidaan gootota  wareegamtoota Oromoo yeroo itti eebbiffamuufi mallattoon demokraasii kan ittiin dhgoomu jala bultii filannoon mana maree aanaaleefi gandaa, akkasumas itti guutii mana maree naannoofi mana maree bakka bu'ootaa gaggeessuuf yeroo qophii irra jirru ta'uu isaati.

Qabsoo fi gaggeessummaa Dh.D.U.O/ADWUI tiin biyyi keenya gara boqonnaa seenaa haaraatti erga tarkaanfatte as, ummanni Oromoo injifannoo argametti fayyadamee bu'aa itti fuffiinsa qabuuf caalmaatti akka socho'uu fi wal-qixxummaa irratti kan hundoofte Itoophiyaa demokraasiin keessatti dagaage ijaaruudhaaf gahee irraa eegamu bahuu akka dandeessisuuf dhaabni keenya gahee qaamni kamiyyuu bakka bu'uu hin dandeenye kan baha jiru yoo ta'u har'as gahee gaggeessummaa isaa kana yeroo kamiyyuu caalaa haala gahumsa qabuu fi kutannoodhaan bahuu irratti argama.

Haaluma kanaan ummatni Oromoo gama siyaasaatiin ijaarsa sirna demokraasii dhugoomsuuf qabsoo taasifameen injifannoowwan bu'uraa kan ta'an dhimma ofiin of bulchuu, waa'ee carraa mataa ofii ofiin murteeffachuu, aadaa fi seenaa isaa dagaagsuu fi qooqa isaatti gargaaramuu, akkasumas ummatni sosochii siyaasaa biyya keenyaa keessatti daangaa tokko malee akka hirmaatu Dh.D.U.On kaayyoo isaa ganamaa galmaan gahuuf cimee socho'a. Dh.D.U.On qabsoo ummatummaa qindeessee gaggeesseen wareegamaa guddaa booda ummatni Oromoo injifannoowwan siyaasaa bu'uraa akka argatu taasiseera. Injifannoon kun dhugoomee eenyummaan ummata Oromoo caalumaatti ifatti bahuu kan danda'u garuu, rakkoo hiyyummaafi duubatti hafummaa keessaa bahee guddinni misooma dinagdee isaa mirkanaa'ee, galiin isaa yoo dabale qofaa akka ta'e dhaabbati keenya amantaa guutuu qaba. Kana fiixaan baasuuf tarsiimoo qonnaa fi baadiyyaa giddu-galeessaa godhatu fi tarsiimoo industirii qonnaan durfamu baafatee sochii taasiisaa tureen waggoottan shanan darban guddina dinagdee walitti fufiinsaan galmeesisuudhaa sirrummaa tarsiimichaa mirkaneesseera. Fuula duras injifannoon guddina misooma diinagdee galmeessisuu irratti arganne kun walitti fufiinsa akka qabaatuu fi sochii guddina ariifachiisaa fiduuf goonu cimsinee kan itti fufnu ta'a.

Gama nageenyaatinis ummtni Oromoo naannoo isaa keessatti nagaan jiraatee sochii hawaasummaa fi dinagdee keessatti hirmaannaa guutuu akka godhuuf ummaticha karaa hirmaachiisuun nageenya amansiisaan akka mirkanaa'uu taasiiseera. Humnooti nageenya hin barbaanne fi jeeqamsaa ummataa fedhan yeroo addaa addaa yaalii yoo godhan illee, hirmaannaa ummata keenyaatiin akka fashalaa'u ta'ee, ummatni keenya birrannaa tokko malee sochii dinagdee fi hawaasummaa keessatti akka qooda fudhatu ta'e jira.

Dhaabbatni demokraatawaa ummata Oromoo dhaaba kaayyoo warraaqsa demokraasii qabatee qabsaa'e waan ta'eef dhaaba dukkana ilaalcha gad-aantummaa diigee wal-qixxummaa Oromummaa akka mirkanaa'u taasisee dha. Ummanni Oromoo akka lammii lammaffaa otuu hin taane, biyya isaa keessatti mata ol qabatee akka jiraatuu fi sochii siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee hunda keessatti sagalee guutuudhaan wal-qixummaan hirmaatee hanga hirmaates fayyadamaa gochuu danda'eera.

Dhaabbati keenya Dh.D.U.On yeroo amma  kanatti deggartoota kaayyiicha kan ta'an dargaggoota, hayyoota, qonnaan bultoota fi kutaale hawaasaa hunda keessaa miseensota ballinaan horatee biyya keenya keessatti dhaaba guddaa qabsoo hiyyummaa dhabamsiisuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf duulee jiruu dha.

Injifannoowwan kaayyoo Dh.D.U.O irraa argaman hundumtuu hirmaannaa hawaasa bal'aa fi deggertoota kaayyiichaatiin akka ta'e beekamaa dha. Injifannoowwan hundis qabeenyaa ummata Oromooti. Kanaaf ayyaanni hundeeffama Dh.D.U.O kun giddu-galeessaan ayyaana ummata Oromooti. Bu'aawwan kaayyoo kana irraa argamanis qabsoo ummatichaatin akka eegaman amantaa qaba.

Dh.D.U.On ayyaana hundeeffama isaa kan bara kanaa yeroo kabaju injifannoo gama ijaarsa sirna demokraasii fi misoomaatiin argaman galmaan gahuudhaan hawaasa hunda hirmaachisuun gahee irraa eegamu akka bahu gochuudhaaf yeroo kamiiyyuu caalaa akka socho'uu irra deebi'ee mirkaneessa. Keessahuu qabsoo farra hiyyummaa caalumaatti cimsuudhaan guddina dinagdee keenya saffisiisuun dhimma filannoo biraa hin qabnee akka ta'ee beekamaa dha. Guddina misooma keenya saffisaa gochuufis bulchiinsa gaarii mirkaneessuun murteessaa ta'uu isaa hubatee sochiiwwan wal-irraa hin cinnee taasiisaa jiru akka fiixa bahuufis cimsee socho'a.

Kana waan ta'eef miseensi dhaaba keenyaa hundumtuu, deggartooti keenya, ummanni baadiyyaa fi magaalaa, hayyootaa fi hojjetoonni, abbootiin qabeenyaa fi daldaltooti, dargagooti, walumaa gala ummanni Oromoo hundi fi sabaa fi sab-lammoonni naannoo keenya jiraatan hundi qabsoo farra hiyyummaa bu'a-qabeessa ta'aa dhufe kana gara sadarkaa ol'aanaatti ceesisuufi biyya keenya yeroo gabaabaaa keessatti biyyoota galii giddu-galeessaa argataniin qixxeessuuf qabsoo taasifamu keessatti qooda fudhachuudhaan mul'atasaa dhugoomsuuf yeroo kamiiyyuu caalaa akka hirmaattan Dh.D.U.On waamicha dabarsa!

Yeroon itti aanu ummanni keenya Dh.D.U.O/ADWUI waliin ta'uudhaan injifannoowwan olaanaa kallatii hundaan misoomaa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu sadarkaa olaanaadhaan galmeesisuudhaaf yeroo injifannoo akka ta'u Dh.D.U.On amanta fi abdii qabu ibsa.

 Kabaja Bara Baraa Gootota Qabsoo Kanaaf Wareegamaniif!

Copyright © 2007  EPRDF. All Rights Reserved.